Ingiccaa

315

     

Barreessitoonni fi beekittoonni aadaa Oromoo akka jedhanitti Oromoon bara haaraa jedhee yeroon itti kabaju wayita roobni gannaa darbee,ililliin  Birraa daraaruu fi lagni ganna guutee ture talilahudha.

Waqti kun Birraadha. Waqtii  birraa Oromoon ayyaanota hedduu kanaja. Ayyanoota waaqti birraa kabajamaan kana keessa ayyaanni ijoolee durbaa(qarreen) qofaa kabajamutu  jira.

   Ingiccaa Ayyaana Durbaa

 Ingiccaan ayyaana ijoolleen shamarraan hin heerumne waggaatti kabajanidha.

Ayyanni kun akkataan kabaja isaa wal fakkataa ta'us Oromiyaa bakka garagaaraatti maqaa adda addaa qaba.

Barreessaa fi qorataa aadaa fi seenaa Oromoo kan ta'an obbo Dirribii Damiisee Bokkuu kitaaba isaanii 'Ilaalcha Oromoo' jedhu keessatti akka ibsanitti ayyaanni ijoollee durbaa kun Qunnii buqqifannaa,Qunnii darbaa fi Ingiccaa maqaa jedhamuun bakka hedduutti beekama jechuun ibsan.

Guddugaleessa Oromiyaa Finfinnee fi naannawwaa isheetti ayyaanni ijoolleen durbaa bari'uu booqaa birraa hordofuun kabajaan maqaa Ingiccaa jedhamuun caalaatti beekama.

Ayyanni ijoolee durbaan kabajamuu kun,Ijoolleen durbaa hiriyoota isaanii waliin ta'uun marga qunnii jedhamu buqqifachuun nannawwa jiratanitti mana ollaa fi firaarra nanna'anii sirbuun ayyana kabajamudha.

 Shamarree Obsee Damisee akka jettutti naannawwaa Sandaafaa fi Bakkeetti Ingiccaan kan kabajamu akka lakkoofsa bara Itoophiyaatti baatii Qaammee jedhamee beekamu keessattidha.

Oromiyaa gara lixaatti garuu ayyaanni kun borumtii ayyaana Masqalaa akka kabajamuu obbo Dirribii Damisee ni himu.

Ijoolleen durbaa haga ayyaanni Ingiccaa gahuutti waan ittin guyyaa ayyaanichaa fayyamanii olaan qopheeffatu.

Ayyanichis akkum gaheen mimmidhaganii ijoolleen durbaa ollaa jiranii wal waamanii gara lagaa yoookan dirree deemanii gosa margaa qunnii jedhamuu buqqifatu.

Yeroo qunnii buqqifannaaf bahan kanas walleewwan adda addaa sirbaan qabu. Akka Obseen jettutti naannawwaa Sandaafaa fi Bakkeetti sirbi yeroo qunnii buqqifannaaf deemamu shamarreen ayyaana Ingiccarratti sirbituu:

 Baallammii bubbeen shoortee

Galata galchii waaqaa

Hiriyaa birraan geessee

Yeroo baay'ee qunnii kan buqqifataan gafa ayyanicha kabajuuf jedhan borumtii isaati.

Qunnii guyyaa laga ykn dirree dhaqanii buqqifatan galgala batteessanii fohuu. Qunnii batteessanii ijoolleen durbaa foyaan kun Ingiccaa jedhama jedhu jirataa magaalaa sandaafaa kan ta'an manguddoo Alamuu Hurrisaa.

Guyyaan ayyaana Ingiccaa caalaatti guyyaa bilisummaa ijollee durbati.Guyyaa kana ijolleen durbaa hojii kamiyyuu hojjechuuf hin dirqamani.

Essa oltee jedhamanii hin gaafatamani. Guyyaa ayyaana ingiccaa shamarreen olla jiranii walwamanii jalqaba gara mana hangafaa ykn ayyaantuu ollaa isaanii jiruu dhaqu.

 Achiis yoo gahaan sirba sirban keessaa,

 Bishaan qunnii qarsaa irraa

Ayyitii mana kana Giiftii gaadaan baksaadha

Bakkamii bubbeen shoortee

 Bokkuu yaa ulfaatata koo

 Jalakee nadhii biifee, jedhanii akka sirba Obseen kan himtu Mana ayyaantuu ykn hangaafaatti sirbaanii keennaa isaaniif keenames fudhatanii erga eebbifamanii booda gara manneen nannawwaa isaanii jiran irra nanna'aanii sirbuutti darbu.

Addee Daanseen Kabbada akka jedhanitti dur yeroo ayyaana ingiccaa kennaan durbaaf keennaan Aannaan Itittuufi dhangaa isaaniif qopha'udha.

Mataa isaanii immoo dhadhaatu dibama. Amma garuu aadaan kun haalaa kanaan hin jiru jechuun ni danda'ama.

 Bakka tokko tokkootti malee kennaan akkasii kun ijoollee durbaa ayyanaa ingiccaa irratti hirmataniif hin kennamu.

Bakka keennawwan kana ammaa ijoolleen durbaa ingiccaa sirbitu maallaqa fudhatu.

Ayyaana ingiccaa irratti shamarreen hirmaatan sirboota adda addaa sirbu. Sirboota kanaanis dhaamsawwan adda addaa dabarfatu.

Yeroo baay'ee ayyaana ingiccarratti kan hirmaatan shamarreen haga gaafa guddatanii heerumanitti.

Bara baraan shamarree garee ingicca waliin ayyaneffatan kana keessa heeruman ni jiratu. Ijoolleen xixiqqoon garee kanatti dabalamaniis akkasuma ni jiru. Isaan kana jajjabeessuuf akkas jedhanii sirbu ayyana ingicca kanarraatti:

Buqqisaa buqqifannaa

Gurguddaan nurraa deemee

Xixiqqaa guddifanaa

jedhanii akka sirban Obsee Damisuu kan himtu.

Ayyanaa ingiccaa irratti ijoolleen durbaa mana manarra deemanii yeroo sirban waliii walii isaanii, warra,gosaa fi lammii isaanii akkasumas goota illee ni faarsu.

Fakkeenyaaf shamarree naannawwa Sandaafaa fi Bakkee jirataan ayyana ingiccarratti warra Barrak jedhaman masifachuun akkas jedhinii akka faarsaan odeeffannera.

Bishaan bo'ii qileedhaa

isinii yaa Barriyoo

Warri kaabbaan cileedha.

Bishaan bo'ii qadaadiii

 Isinii yaa barriyoo

 warri kaabbba adaadii

Ayyaana ingiccaarratti sirboota sirbaman keessaa kan bira sirba quuqqati.

Keessayyu ijoolleen durbaa hiryaa isaanii bira heerumteef yoo qe'ee warra hiriyaan isaanii biraa heerumtee gahaan waan sirban qabu.

gundoon naan soraa jettee

Giftiileen mana kanaa

As gora asgoraa jettee

Hin seeruu mafaan seeraa

Bakka hiriyeen hin jirree

 Hinseenu mafaan seenaa.

Durbii kaadhimtee bara heerumtu Ingiccaa hin sirbitu.Mana Durbi kaadhimaa jirtu gaafa gahaniis akkas jedhanii sirbu.

Gumee yaa qillisee koo

Gumee yaa qilkisee koo

Barbaadetan si dhabee

 Qalloo yaa biliseekoo

 Ayyanni ijoollee durbaan qofa kabajamu ingiccaan har'a akka durii isaatti kabajamaa hin jiru . Bakka hedduti sababaa gargaraan hafee jira.

Oromiyaa keessaati guyyaa wal fakkatatti kabajamu dhabuun isaa ayyanichi caalaatti akka hin beekamne isa tasisaa jira.

Isa kana waaltessuun akkum ayyaanoota kaaba Itoophiyaa bakka heeddutti ijoollee durbaan kabajamuu kan akka Ashabdaa,Shadeefi soolal  beekisufamu akka qaban gorsu hayyuun seenaa fi aadaa Oromoo kan ta'an obbo Dirribii Damisee.

Keessayyuu bakka ayyanni ingiccaa har'allee jiru naannawwa magaalaa Finfinnee kanatti ayyanicha gabbisani kabajuun kan turistoonni dawwatan,madda dinagdee gochuun ni danda'ama. Aadichis akka guddatuu fi beekamuu taasisuun akka danda'amu gorsu.

Qaammee 2/2012

Ayyaana gaarii!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015