Lagni Awaash guutee lolaa mudateen jiraattonni aanaa Fantaallee kuma 25 ol qe'eesaaniirraa buqqa'an

144

Finfinnee Hagayya 30/2012(TOI)-Lagni Awaash guutee lolaa mudateen Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee fi magaalaa Matahaaratti jiraattonni kuma 25 caalan qe'ee fi qabeenyasaaniirraa buqa'aniiru.

Magaalaa Matahaaraatti qofa lammiileen qe'ee fi qabeenyasaaniirraa buqa'an buufata 7 keessa qubataniiru.

Mana barumsaa Haroo Adii lakkoofsa 1 lammiileen qe'eesaaniirraa buqqa'an baayyinaan itti argamanii jedhameera.

Lammiileen qe'ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa'an kunneenis miidhaan qabeenyasaaniirra ga'e daran olaanaa waan ta'ee mootmmaan akka deeggarsa godhuuf gaafataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Matahaaaraa, Obbo Taaddalaa Diriirsaa Magaalaan Matahaaraa gandoota lama fi Qaxanaa 14 kan qabdu yoo ta'u, gandi tokko gutummaatti manca'eera jedhan.

Magaalaa sana keessatti haga ammaa jiraattonni kuma 13 caalantu qe'ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa'aniirus jedhan.

Lammiilee qe'ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa'an kanneeniif deeggarsa Federaalaa Naannoo fi ummatarraa walitti qabame kennamuu eegaleera.

Bakka bultiif kan oolu sharaa nyaata kanneen akka Ruuzii,Temirii,akkasumsa dhiyeessiin qorichaa taasifamaa jira jedhan.

Bulchaan Itti Aanaa Godina Shawaa Bahaa, Obbo Ibsaa Saadiq aanaalee godinichaa 6 keessatti jiraattonni kuma 30 caalaan sabaaba lolaa kanaan qe'ee fi qabeenyasaniirraa buqqa'aniiru jedhan.

Aanaa Lumee,Dugdaa,Boosat,Adaamaa fi Fantaallee aanaalee balaan lolaa kun itti hammaate jedhaniiru.

Namoonni Qe'ee fi qaneenyasaaniirraa buqqa'an kunneen rakkoo fayyaaf akka hin saaxuilamneef hojjetamaa jira kan jedhan ammoo Itti gaafatamaa Itti aanaa Waajjira Fayyaa Godinichaa, Obbo Abbabaa Maammooti.

Yeroo amma kana dhiyeessin qorichootaa tasifamaa jiras jedhan.

Saaphanni kuma 10 fi maaskii kuma 80 dhiyeessuuf qohaa'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015