Wal ga'iin idilee hoggantootaa gamtaa Afriikaa 32ffaa ajandaawwan addaddaarrati mari'achaa jira

63

Guraandhala 3/2011 Wal ga'iin idilee hoggantooaa gamtaa Afriikaa ajandaawwan addaddaarratti mari'achaa jira.

Waltajjiin hooggantootaa guyyaa har'aa  magaalaa Finfinnee galma gamtaa Afriikaatti jalqabame kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta'u, riifoormii dhaabbatummaa gamtaa Afriikaa, daldala bilisaa kutaa ardii  Afriikaa fi kanneen biroorrattis ni mari'ata jedhameetu eegama.

wal ga'ii kanaan dura taa'aa gamtaa Afriikaa kan ta'an pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee Pirezidaantii Ijipti Abdul Fattaahi Alsiisiidhaan bakka bu'amu jedhameetu eegama.

Nagaa fi tasgabbii ilaalchisee gabaasni akka dhihaatu kan eegamu yoo ta'u, hoggantoonni biyyoota addaddaas gabaasa akka dhiheessan hubachuun danda'ameera.

Baniinsa wal ga'ii kanarratti pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee, dura taa'aan komishinii gamtaa Afriikaa Muusaa Fakii Mahaammat, hundeessaan Biil fi Melindaa obbo Biil Geetis, Pirezidaantiin Fiifaa, daarekterri dhaabbata fayyaa addunyaa Dr. Teediroos Adhaanoom,fi kanneen biroos haasawa akka taasisan sagantaa be'erraa hubachuun danda'ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015