"Gumiin Gaayoo bakka seerii itti raggaasifamuufi itti haaromfamu qofa miti"

275

Finfinnee,Hagayya 28, 2012 - Gumiin Gaayoo bakka seerii itti raggaasifamuufi itti haaromfamu qofa osoo hintaane iddoo mirgi ilma namaa itti kabajamuudha jedhan Gumii Gaayootti Abootii Gadaa, seeraafi Manguddoonni argaa dhageettii.
Gumichi marii gosaa ta'aa ture itti fufeera.

Obbo Diimaa Areeroo, Adii Jaldeessafi obbo Jiloo Aagaa abbootii seeraa baroota hedduuf seera Gumii Gaayoo Aduloota Fiixee waliin murteessaa turaniidha.

Namoota kanneen keessaa Irra caalaan isaanii ammas bara Gadooma Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoos hojjachaa jiru.

Abbootiin seeraa kunneen seerawwan bahan akka hojii irra oolaniiif murtoowwaan qaamolee dhimmi ilaalu waliin mari'achuun ajaja haqaa dabarsu. Ajajichi miiloo, gosaafi gumii waliigalaaf dhiyeechuun murtaa'a.

Dr. Kabajaa Borbor Bulee jaarsa argaaf dhageettii yoo ta'u Gumiin Gaayoo ijaarsa biyyaaf qooda akka qabu himan.

Bara Gadooma Abbaa Gadaa 70ffaa obbo Guyyoo Gobbaa fixee kan ta'e. obbo Qaampee Diidoo itti bulmaati ummata Oromoo aadaadha jedhan. Gumichi nageenya biyyaafis gahee gudda qabaachuu itti ida'an.

Bara Gadooma Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo abbaa seeraa kan ta'an immoo obbo Diimaa Areeroo seera tumuun dansaa taatullee hojiirraa oolmaa seerichaarratti hojjatamuu qaba jedhan.

Hojiiwwan gama seeraa Gumii Gaayoon bahanis gumichi cimsee irraatti hojjachuu akka qabus akeekan.

Gumiin Gaayoo marii gosaa ta'uu jalqabe itti fufee gaggeessaa jira jechuun OBN gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015