Sababaa lolaan daandiiwwan balaan irra gahe suphuuf hawaasinii fi bulchinsii deeggarsa gochuu qabu - Abbaa taayitaa daandiiwwanii Itoophiyaa

82

Finfinnee,Hagayya,28/2012(TOI)- Daandiiwwan sababaa bokkaan yandoo roobeef lolaa umameen manca'aan deebisanii ariitiin suphuuf hawaasnii fi bulchiinsonni sadarkaan jiran deeggarsa gochuufii akka qabaan abbaan taayitaa daandiiwwanii Itoophiyaa hubachise.


Sadarkaa biyyatti bokka yandooo bara kana bakka gargaaratti roobeen lolaan daandii bakka hedduutti mancaasuu isaa abban taayitichaa himera.

Abbaa taayitaa daandiiwwan Itoophiyaatti daarekiteraa kominikeeshiinii kan ta'an obbo Saamsoon Waandimmuu akka Tajaajila oduu Itoophiyaatti himanitti bara bajataa 2012 bajata birrii miiliyoona 653'n daandiin kiloomeetirri kuma 10 suphameera.

Bookkaa yandoo ganna bara kana bu'eenis daandiiwwan fi riqichoonni hedduun lolaan manca'aniiru. Ammas manca'aa akka jiran ibsaniru.

Sababaa manca'uu daandiiwwanii kananis sochiin geejiba akka hin ugguramne abbaan taayitichaa hordoofee suphaa tasisaa jirachuus himaniru.

Dameen suphawwaan daandiiwwanii 10 kan korporeeshinii hojiiwwan Ijaraasaa Itoophiyaa jala turan gara abbaa taayitaa daandiiwwaniitti waan dabalamaniif suphaawwan daandii ariitiin akka rawwatamaniif gargaruu isaa Obboo Saamsoon Waandimmuu himaniru.

Ganna kana rakkoon manca'uu daandiwwan irra gaheen kanneen baay'ee miidhaman keessa daandiwwan akka Adaalee Giraawwa - Buttaajiraa, Gubiree daandii Harar Collee Barariyaa fi dibaaxeef suphaan taasifama jira jedhaniru.

Yeroo suphaan kun taasifamuuf hawaasnii naannaawwa, bulchiinsi godina,fi aanaa gargarsii isaan tasisaan gaarii ta'uus ammas garuu kana caalaa gargarsii hojii suphaa kana saffisisuuf ni barbachisa jedhaniru.

Naannoleen suphaa daandiiwwaniis biyyoo fi cirrachaa dhiheessuufi akka qaban seeraan kan ka'amee ta'uus kanarratti ammas heeyamamoo ta'uu dhiisuun adeemsaa hojichii akka hin ariifannee taasisuu keessa abbaa taayiticha dabarsaa jiru jedhaniru.

Keessattuu yeroo ammaa roobaa yandoo ganna kana bakka gargaratti roobeen siigigachuu lafaan akkausmas manca'uu daandiin dandiwwaan cufamanii jiran hedduun waan jiraniif hojiin idilee hawasaa fi sochii dinagdee irratti osoo rakkoo hin uumiin hatataamaan rakkicha akka abban taayitaa daandiwwanii furuuf adeeemsa kana foyyeessuun waan daandiwwan kan suphuuf barbachisaan akkata seeraan akka dhiheessanis dhamaniru.


Rakkoon suphaa daandiwwanii kan qaama tokoon qofa furamu miti. Dhilba'uu jiruu furuun rakkoon jiru akka ariitiin furamuuf hawasniis ta'ee qamooleen mootummaa abbaa taayitaa daandiwwaan Itoophiyaa waliin hojjechuu qabu jedhaniru obbo Saamson Wandimmuu dareekterii kominikeeshii Abba taayitaa daandiwwanii Itoophiyaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015