Sirni Gadaa duudhaa ittiin bulmaata Oromoo qofa miti

474

Finfinnee, Hagayya,27,2012(TOI) -Sirni Gadaa duudhaa ittiin bulmaata Oromoo qofa asoo hin taane kan hortee kuush , bu'uura sirna demokiraasiiti jedhan qorataa Aadaaf seenaa Aabba Jatanii Diidaa.

Uummannii Oromoo Aadaa Bal'aaf Boonsaa qaba. Aadaan inni ittiin wal bulchaa tureef jirus, Sirna Gadaa jedhama.
Innis carraaqqii guddaadhaan qabneen Hambaa Kiliyaa Adunyaatti galmaa'e.

Aadaan Ummata bal'aa Hortee Kuush kun iddoowwaan tokkoo tokkootti sababa garaa garaan lafaa dhufe.

Sirni Gadaa gummachi innii biyyaaf Addunyaaf qabu maali waan jedhu irratt OBN Qorataa Aadaa fi seenaa Aabba Jaatanii Diidaa waliin turtii taasiseen, Sirni Gadaa kennaa uummaan Oromoo badhaase ta'uus himan.

Waan cufaa dura ummanni Oromoo Aadaa Sirna Gadaa uumaan badhaase kana nami biraa barsiisuuf ofifis sirriitti beekuu akka qabus akeekan.

Namootni waan Sirna Gadaa qeeqaniifis beekkumsa isaan Aadaaf qaban akka hin jirreef mormuuf immoo waa'ee Aadichaa sirriitt beekuu isaan irra jiraataa jedhan.

Aadaan waan lubbu qabuuti, waanti lubbuu qabaa immoo kunuunfamuu qabdis, kunis imaanaa dhaloota ammaa ta'us hubachiisan qorataan Aadaa fi Seenaa Aabba Jaatanii Diidaa.
OBN Gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015