Obbolummaan duudhaa bu’uura ijaarsa dimokiraasii irranfatame –Dr.Abiyyi

70

Finfinnee Hagayya 27/2012(TOI)- Waa’ee ijaarsa dimokiraasii yoo yaannu kan dursee sammuu keenyatti dhufu duudhaalee walqixxummaa fi bilisummaan alatti hundi keenya kan irranfanne obbolumaan xiyyeeffannoo guddaa kan itti kennuu qabnuu dha jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi karaa fuula fecbook isaaniin.

Biyyoonni akka itoophiyaa eenyumaa sabdaneessaa qaban dimokiraasii bu’uura cimaa irratti ijaaruu qofa otoo hin taane okkummaa biyyaa jabeessuuf duudhaan obbolummaa heduu murteessadhas jedhan.

Kana waan ta’eef duudhaan obbolummaa akka dagaagu paartileen siyaasaa,waldaaleen hawaasa,jaarsoliin biyyaa,hoggantoonni yaadaa waamicha gochuu qabdu jedhan Dr.Abiyyi.

Obbolummaan alatti dimokiraasiin akka midhaan cirracha irratti faca’eeti jechuun dhaaman.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015