ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Neetiwoorkiin Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii Itoophiyaa hundeeffame
Mar 28, 2024 14
Bitootessa 19/2016 (TOI)- Fayyadamummaa faayinaansii dubartootaa guddisuuf Neetiwoorkiin Dubartootaa Ogeeyyii Faayinaansii Itoophiyaa hundeeffame. Neetiwoorkichi walta’iinsa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatii fi Baankii Addunyaan kan hundeeffame yoo ta’u, fayyadamummaa faayinaansii guddisuu dabalatee, dubartoonni gara hoggansaatti akka dhufan kan tumsuudha jedhameera. Adeemsa guddina dinagdee Itoophiyaa keessatti dubartoonni gahee isaanii akka bahatan carraa uumuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera. Sagantaa hundeeffamaa kanarratti kan argaman bulchaan waliigalaa Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Maammoo Miratuu hirmaachisummaa Faayinaansii irratti hirmanaan dhiirootaa fi dubartoota jidduu kan wal hin madaalleedha jedhaniiru. Kanaaf tarsimoon hirmaachisummaa faayinaasii kun garaagarummaa Dhiirootaa fi dubartoota jidduu gama kanaan jiru dhiphisuuf kaayyeeffateedha jedhaniiru. Sirna faayinaanisii waaraa fi wal amantee qabu ijaaruuf baankichi sirna baankii hirmaachisaa ijaaruuf kan hojjetu ta'uus hubachiisaniiru. Dhaabbileen Faayinaansii dubartoota gara hoggansaatti fiduunis sadarkaa biyyaatti hirmataa fi fayyadamoo taasisuu kan dandeesisudha jedhaniiru. Neetiwoorkii Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii hundaa'uun isaa hirmaannaa dubartoonni faayinaanisii keessaatti qaban guddisuuf kan gargaaru ta'uu eeraniiru. Kaayyoon Neetiworikichaas dubartoota gama hundaan gahoomsuu fi wal qixummaa koorniyaa kan mirkaneessuu waan ta'eef baankichi deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru.
Mariin Paanaalii nageenya naannaawwaa fi tumsa walitti dhufeenya dinagdee waaraa ta'erratti xiyyeeffate geggeeffama jira
Mar 28, 2024 14
Bitootessa 19/2016(TOI) - Mariin Paanaalii nageenya naannaawwaa fi tumsa walitti dhufeenya dinagdee waaraa ta'erratti xiyyeeffate Finfinneetti geggeeffama jira Marii kana Tajaajila Oduu Itoophiyaatu mata duree ''Nageenya naannawwaa fi walooma walitti dhufeenya dinagdee waaraaf'' jedhuun Ministeera nageenyaa fi Humna Elektirikii Itoophiyaa waliin ta'uun qopheesse. Marii paanaalii kanarratti miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa, Ministira nageenyaa Binnaalif Andu'aaleem, Hoji geggeessaa olaanaa humna Elektirikii Itoophiyaa injinar Ashabbir Baalchaa, Deetaa ministira daldalaa fi walitti dhufeenya naannawwaa Fisahaa Yittaaggazuu, deetaa ministira nageenyaa doktar Kayiradiin Tazarraa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa biroo fi keessuummoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru. Marii paanaalii kanarratti; waraqaan mariif ta'uu kan fayidaa Nageenyi naannawwa fi waloomni tumsa dinagdee waaraa ta'ee irratti qaburratti xiyyeeffate dhihaatee irratti mari'atamaa jira.
Aadde Adaanech Abeebee sababa misoomaan lammilee bakka jireenyaa isaaniirra ka'aniif kan ooluu ijaarsa mana jireenyaaf dhagaa bu'uura kaa'an
Mar 28, 2024 7
Bitootessa 19/2016(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee sababa misoomaan jiraatoota magaalichaa bakka jireenyaa isaaniirra ka'anii fi manguddootaaf kan ooluu ijaarsa mana jireenyaaf dhagaa bu'uuraa kaa'an. Dhagaan bu'uuraa ijaarsa manneen jireenyaa kanaas kan kaa'ame kutaa magaalaa Laaftoo naannaawwaa Labuudha jedhameera. Manneen jireenyaa kunis gamoowwaan 3 abbaa darbii shanii yoo ta'an walii galaan manneen jireenyaa 108 of keessaa kan qabanidha jedhameera. Ijaarsi gamoowwan kanneen deeggarsa abbootii qabeenyaan kan ijaaramu yoo ta'u ijaarsi isaas guyyyoota 90 keessaatti ni xumurama.
Sanyii filatamaa akaakuu gara garaa sadarkaa barbaadaniin dhiheennatti argachuu keenyaan oomishtummaan keenya dabaleera-qonnaan bultoota aanaa Sinaanaa
Mar 28, 2024 10
Bitootessa 18/2016(TOI)-Sanyii filatamaa akaakuu gara garaa sadarkaa barbaadaniin dhiheennatti argachuun isaanii oomishtummaa isaanii dabaluuf kan qarqaaru tahuu Qonnaan bultoonni godina baalee aanaa sinaanaa dubbatan. Gatiin gurgurtaa sanyii filatamaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe sodaa itti uumuus qonnaan bultoonni dubbatanii jiru. Dhiheessii sanyii filatamaa si’eessuuf intarpiraayizichaaf qonnaan bulaa jiddutti riqicha ta’anii hojjachuun bu’aa ofii argataniin cinaatti qonnaan bulaan qe’ee isaarraa osoo hin fagaanne sanyii filatamaa akka argatuuf tumsaa jiraachuu kan dubbatan ammo ''Ejentii'' raabsaa sanyii dhaabbatichaa kan ta’an obbo Nuuraddiin Amaani. Intarpiraayizichatti hoji geeggessaan damee Baalee obbo Muluqan Aschaaloo akka jedhanitti, intarpiraayizichi hanqina sanyii filatamaa qonnaan bultootaa xiqqeessuun oomishtummaa dabaluuf hojjachaa jira. Intarpiraayizichi sanyii akaakuu gara garaa bara dabre oomishe kan facaasaa yeroo 2016/2017f oolu kuntaala kuma 360 tahu qulqulleessaa jiras jedhan. Sochii hanga ammaatti taasifameenis kuntaalli kuma 140 ol qulqulleessuun facaasaa yeroo arfaasaaf godinaalee Oromiyaa gara garaatiif raabsuu jalqabuu eeran. Sanyiin intarpiraayizichaan raabsamaa jiran dhibee waagii dandamachuun calla gaarii kanneen kennan giddugaleessota qorannoo qonnaa Sinaanaa, Qulumsaa, Amboo fi kanneen biroo irraa qorannoon bahan ta’uus obbo Muluqan himan. Yaaddoo gurgurtaa gatii sanyii filatamaatiin walqabatee qonnaan bultoonni kaaasan yeroo deebisan ''gatiin kan murtaa'u intarpiraayizii Oromiyaa qofaan osoo hin taane gabaa waliigala biyyaatiin ta'uu kaasan. Intarpiraayiziin sanyii filatamaa Oromiyaa damee Baalee qonnaalee Godina Baalee Sinaanaa, Roobeef akkasumas Arsii lixaatti kan argaman heeraroo, hunxee fi billittoo siraaroo heektaara kuma 17 ol tahan kan bulchu tahuu ragaan intarpiraayizichaa ni mul’isa.
Dubdeebiin gareen suupparviijinii federaalaa kenne hojiirra ni’oola-obbo Shimallis Abdiisaa
Mar 28, 2024 21
Bitootessa 18/2016(TOI)- Dubdeebiin gareen suupparviijinii federaalaa naannoo Oromiyaatti hojii suuparviijinii taasisaa ture kenne hojiirra akka oolu pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan. Gareen suupparniijinii ministira ittisaa doktar Abrahaam Balaayiin durfamu supparviijiniin naannichatti taasisaa ture xumuramuusaa obbo Shimallis ibsaniiru. Gareen kun supparviijinii naannichatti taasisaa ture ilaalchisuun dubdeebii kenneera. Mootummaan naannoo keenyaa dubdeebii kenname akka galteetti fudhatee hojiirra akka oolchu ibsaa, garee kana maqaa koo fi maqaa mootummaa naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada jechuusaanii odeeffannoon fuula marsariitiisaaniirraa arganne nimul’isa.
Siyaasa

Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo ministira gargaaraa dhimmoota Qoonsilaa Ameerikaa ambaasaaddar Riinaa Biiyter waliin mari’atan
Mar 28, 2024 10
Bitootessa 19/2016 (TOI)- De’eetaan ministitaa ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo ministira gargaaraa dhimmoota Qoonsilaa Ameerikaa ambaasaaddar Riinaa Biiyter waliin mari’ataniiru. Mariin kunis dhimmoota tajaajila Qoonsilaa, kenniinsa viizaa fi tajaajiloota walfakkaatoo lammiilee biyyoota lamaaniif kennamu irratti kan xiyyeeffatedha. Fuulduraaf tajaajila Qoonsilaa fi kenniinsa viizaa ilaalchisuun caalaatti tumsaan hojjechuuf waliigaluusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Komishiinichi Harargee bahaa fi Lixaaatti sadarkaa aanaatti adeemsa ajandaa walitti qabuurratti bakka bu'oota hirmaatan adda baasaa jira
Mar 27, 2024 258
Bitootessa 18/2016 (TOI) - Komishiiniin Marii Biyyaalessaa godinaalee Harargee bahaa fi Lixaatti sadarkaa aanaatti bakka bu'oota hawaasaa ajandaa walitti qabuurratti hirmaataan adda baasuu raawwachaa jira. Walatjjiin bakka bu'oota ajandaa mariif ta'u adda baasuu irratti hirmaataan adda baasuuf qophaa'ee kan guyyoota afuriif turu magaalaa Hararitti geggeeffama jira. Komishinichatti qindeessaan hirmaatota adda baasuu obbo Sisaay Goobasaa waltajjii kanarratti akka himaniitti; Komishiiniin maree biyyaaleessa yeroo ammaa sadarkaa biyyaatti rakkoowwaan jiran furuuf humna namaa fi bajata ramaduun hojjechaa jira. Haaluma kanaan naannolee adda addaatti humna namaa kana bobbaasuun kutaalee hawaasaa hundaa hirmaachisuun hojii hirmaatoota marichaa adda baasuu xumuraa jira jedhaniiru. Yeroo ammaas haaluma kanaan godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaa aanaalee 36'tti marii biyyaalessaaf bakka bu'oota hawaasaa ajandaa marii walitti qabuurratti hirmaatan adda baasuu hojjetama jira jedhaniiru. Bakka bu'oota hawaasaa kana adda baasuu cinaattis waa'ee marii biyyaalessaa irratti hubannoo gahaa namootaaf hojiin kennuu hojjetama jira jedhaniiru. Walatjjii magaalaa Hararitti qophaa kanarratti kanneen hawaasa bakka bu'anii ajandaa adda baasuurratti hirmaatanii fi eeggatoonni kuma 1 fi 80 kan filaman ta'uu himaniiru. Kanneen waltajjii kanarratti hirmaatan Marii biyyaalessaa kanaan rakkoo jiru furuu nagaa, tokkummaa fi waloomaa cimsuuf gahee olaanaa kan qabu ta'uu hubachuu himaniiru.
Tarkaanfii shororkeessaa Shaneerratti fudhatameen miseensonni garichaa hedduun booji’amuun ibsame
Mar 27, 2024 63
Bitootessa 18/2016(TOI)- Godina Horrogududruu Wallaggaaaanaalee addaddaa keessatti raayyaan ajajaa lixaa tarkaanfii shororkeessaa Shaneerratti fudhatameen miseensonni garichaa hedduun booji’amuun ibsameera. Aiajaan olaanaa Koorii Birgaadeer Jeneraal Haabtaamuu Mihiratee raayyaan koorii qaxanicha iddoowwan addaddaatti duula qulqulleessuu fudhateen miseensonni garee shororkeessaa booji’aman irra caalaan daa’immanii fi dubartoota yoo ta’an caasaan garee shororkeessaa kun diigamaa waan dhufeef daa’immanii fi dubartoota dirqisiisuu fi gocha shororkeessummaaf bobbaasuu ibsaniiru. Raayyaan koorii kanaa qaxanaa rakkisaa kamiyyuu keessa galuun fi kutaaleen walitti hidhachuun garee shororkeessaarratti tarkaanfii dhumaa fudhachuusaa ibsanii, qaamoleen bulchiinsaa ummataan filataman haala mijataa fi tasgabbiintajaajila akka kennan taasifamaa jira jedhaniiru. Kanneen to’annaa jala oolan keessaa daa’ima waggaa kudha lamaa Yaasiin Ibraahiim fi dargaggoon waggaa kudha torbaa kan taate Caaltuu Kadiir gareen shororkeessaa shanee naannawasaaniitti bilisummaa Oromiyaaf qabsaa’aa jechuun nudirqisiisee gammoojjii keessa nugidiraa jira saamichaa fi ajjeechaatti akka bobbaanu nutaasiseera jechuusaanii odeeffannoon raayyaa ittisaarraa argame nimul’isa.
Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ministira gargaaraa dhimma hojiiwwan walitti bu’iinsaa fi tasgabbii ministeera dhimma alaa Ameerikaa EnniWiikooksii waliin mari’atan
Mar 27, 2024 88
Bitootessa 18/2016(TOI)- De’eetaan ministiraa dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa ministira gargaaraa hojiiwwan dhimmoota walitti bu’iinsaa fi tasgabbii ministeera dhimma alaa Ameerikaa Een Wiikooksii waliin mari’ataniiru. Hooggantoonni lamaan hariiroo biyyoota lamaanii fi haala yeroorratti mari’ataniiru. Ambaasaaddar Misgaanuu wayita kanatti faayidaa hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lamaanii fi tumsa dinagdee bal’isuuf hariiroo biyyoota lamaanii qorachuun qabu dubbataniiru. Ittifufuunis mootummaan federaalaa waliigaltee waloo guutummaan hojjeessuu fi bu’uraalee misoomaa naannoo Tigraayi deebisuun ijaaruu fi hojii deebisanii dhaabuu dhugoomsuuf kutannoo qabu dubbataniiru. Lammiilee walitti bu’iinsaan miidhaman deeggaruu fi dhaabuun mootummaan federaalaa fedhii olaanaa akka qabu ambaasaaddar Misgaanuun eeraniiru. Nageenya eegsisuuf mariilee nageenyaaf dursa kennuun nurteessaadha jedhan. Ministeera dhimma alaa Ameerikaatti gargaaraa ministiraa hojiiwwan dhimmoota walitti bu’iinsaa fi tasgabbii Een Wiikooks gamasaaniin Ameerikaan hariiroo dinadgee Itiyoophiyaa waliin qabdu bal’isuuf iddoo akka kennitu ibsuusaanii odeeffannoon ministeera alaarraa argame nimul’isa.
Gaaffii misoomaa jiraatoota magaalaa Adaamaa deebisuuf hawaasaa fi dureeyyoota hirmaachisuun tattaaffiin taasifamaa jira
Mar 26, 2024 252
Gaaffii misoomaa jiraatoota magaalaa Adaamaa deebisuuf hawaasaa fi dureeyyoota hirmaachisuun tattaaffiin taasifamaa jira Bitootessa 17/2016 (TOI) - Gaaffii misoomaa jiraatoota magaalaa Adaamaa deebisuuf hawaasaa fi dureeyyoota hirmaachisuun tattaaffiin cimaan taasifamaa jiraachuu miseensa koree jiddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa fi Kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee beeksisan. Konfireensin miseensota Paartii Badhaadhinaa magaalaa Adaamaa mata duree ''Jecha gochaan badhaadhina Itoophiyaaf'' jedhuun geggeeffameera. Obbo Hayiluu Jaldee Konfireensii kanarratti akka himanitti; Paartiin Badhaadhinaa gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummanni qabu deebisuuf tattaaffii hunda galeessa taasisaa jira jedhaniiru.
Oromiyaatti hojiiwwaan damee dinagdee fi hawaasummaan baroota darban hojjetaman jireenya uummataa fooyyessaa jiru
Mar 26, 2024 59
Bitootessa 17/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan damee dinagdee fi hawaasummaan erga jijjiramaa as hojjetaman jiruu fi jireenya hawaasaa jijjiraa jirachuu hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa beeksisan. Obbo Hayiluu Addunyaa erga jijjirama as hojiiwwaan damee dinagdee fi hawaasummaan naannichatti hojjetaman ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru. Naannichatti jijjiramaan dura hojiin damee dinagdeerratti hojjetamu qonnaa fi indastirii irratti qofa kan xiyyeeffate ta'uu eeranii, jijjirama as garuu damee adda addaatti babal'isuun danda'ameera jedhaniiru. Dameewwaan hojii qonnaa fi Indastiriitti dabalataan Turizimii, Albuudaa, tekinolojii informeeshiin Kominikeeshiniirrattis xiyyeeffannoon kennamee hojii hojjetameen jijjiramoonni hedduun argamuu himaniiru. Keessaayyuu mootummaan naannichaa dameen qonnaa wabii midhaan nyaata mirkaneesuuf, oomishaalee alaa galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf, oomishaalee gabaa alaaf dhihaatan bal'inaan oomishuu fi madda carraa hojii uumuu akka ta'uuf hojjetamaa ture jedhaniiru. Kanaaf immoo hojii qonnaa hirkattummaa rooba gannaa qofaa eeganii hojjechuurra adda baasuuf tattaaffii taasifameen naannicha bakka hedduutti waggaatti yeroo lamaa fi saa ol hojiin oomisha qonnaa akka hojjetamu tasifamee jira jedhaniiru. Bu'aa damee qonnaarra argamu guddisuuf mootummaan naannichaa dhiheesii galteewwan qonnaa fi qonna tekinolojiin deeggaramuun hojjechuurratti hojiiwwan hedduu hojjechuu himaniiru. Hojii hojjetame kanaanis naannichaatti jiruu fi jireenya qonnaan bultootaarratti jijjiramnii qabatamaan argamuu eeraniiru. Erga jijjiramaa as biyyattiin oomisha Qamadii biyya alaatti erguu akka dandeesu naannoon Oromiyaa gahee olaanaa bahachuu dubbataniiru. Naannichaatti hojii qonna idileen cinaatti; qonna magaalaa, misooma Albuudaa fi damee manufakcharii irrattis bu'aan fooyyee gaarii qaban galmaa'uu obbo Hayiluu Addunyaa himaniiru. Qonna magaalaan qaala'insa jireenyaa salphisuu, carraa hojii uumuu fi invastimatii hawaachuun irratti hojiin milkaa'oo ta'an hojjetamuu hubachiisaniiru. Haaluma walfakaatuun damee hawaasummaan hojii Barnootaa fi Fayyaa irratti erga jijjiramaa as hojjetamee jirenya uummataarratti jijjiramni bu'a qabeesii akka argamu taasisuu obbo Hayiluu Addunyaa turtii TOI waliin taasisan kanaan himaniiru. Haaluma kanaan jijjiramaa as qofa hirmaanna hawaasaan manneen barnootaa bu'uura boruu kuma 15 ijaaramuu eeraniiru. Baratootaaf nyaata dhiheesuuf hojii hojjetameen bara 2016 qofa baratootaa miliyoona 5.3 oliif manneen barnootaatti nyaata dhiheesuufiin danda'amuu himaniiru. Damee fayyaanis waggoota muraasa darban dhaabbileen fayyaa 1500 kan ijaaraman yoo ta'u, ijaarsi Kellaa fayyaa dhaloota lammaffaas bal'inaan hojjetama jirachuu. Kana cinaattis tajaajila tola ooltummaan harka qaleeyyiiwwan hedduu deeggaruu fi hawaasni aadaa wal gargaarsaa akka cimsatu taasifamaa jira jedhaniiru.

Hawaasummaa
Neetiwoorkiin Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii Itoophiyaa hundeeffame
Mar 28, 2024 14
Bitootessa 19/2016 (TOI)- Fayyadamummaa faayinaansii dubartootaa guddisuuf Neetiwoorkiin Dubartootaa Ogeeyyii Faayinaansii Itoophiyaa hundeeffame. Neetiwoorkichi walta’iinsa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatii fi Baankii Addunyaan kan hundeeffame yoo ta’u, fayyadamummaa faayinaansii guddisuu dabalatee, dubartoonni gara hoggansaatti akka dhufan kan tumsuudha jedhameera. Adeemsa guddina dinagdee Itoophiyaa keessatti dubartoonni gahee isaanii akka bahatan carraa uumuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera. Sagantaa hundeeffamaa kanarratti kan argaman bulchaan waliigalaa Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Maammoo Miratuu hirmaachisummaa Faayinaansii irratti hirmanaan dhiirootaa fi dubartoota jidduu kan wal hin madaalleedha jedhaniiru. Kanaaf tarsimoon hirmaachisummaa faayinaasii kun garaagarummaa Dhiirootaa fi dubartoota jidduu gama kanaan jiru dhiphisuuf kaayyeeffateedha jedhaniiru. Sirna faayinaanisii waaraa fi wal amantee qabu ijaaruuf baankichi sirna baankii hirmaachisaa ijaaruuf kan hojjetu ta'uus hubachiisaniiru. Dhaabbileen Faayinaansii dubartoota gara hoggansaatti fiduunis sadarkaa biyyaatti hirmataa fi fayyadamoo taasisuu kan dandeesisudha jedhaniiru. Neetiwoorkii Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii hundaa'uun isaa hirmaannaa dubartoonni faayinaanisii keessaatti qaban guddisuuf kan gargaaru ta'uu eeraniiru. Kaayyoon Neetiworikichaas dubartoota gama hundaan gahoomsuu fi wal qixummaa koorniyaa kan mirkaneessuu waan ta'eef baankichi deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru.
Tarkaanfiin garee shaneerratti fudhatamu cimee ittifufeera
Mar 28, 2024 27
Bitootessa 18/2016(TOI)- Tarkaanfiin garee shaneerratti fudhatamu cimee ittifufuun ibsame. Gareen Shanee Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa ganda Daallee Daakin dabalatee gandoota addaddaatti nageenya hawaasaa jeeqaa turerratti raayyaan ittisaa qxanichatti argamu tarkaanfii barbaachisu fudhachuusaa ibseera. Raayyaan ittisaa qaamolee nageenyaa kanneen biroo waliin ta’uun garee shororkeessaa shaneerratti tarkaanfii fudhateen hidhataa garee shanee faayidaa ala ta’eera. Yeroo addaddaatti yaanni nageenyaa wayita dhihaatuuf fudhachuuf kan mamuu fiummata dirqisiisee kan saamu gareen shanee tarkaanfii raayyaa ittisaan irratti fudhatamaa jiru dura dhaabbachuu dadhabee bittinaa’aa akka jiru ibsameera. Guyyaa har’aa qofa godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa Daallee Daakinii fi naannawasaatti tarkaanfii raayyaan ittisaa fudhateen hidhattoonni 12 booji’amanii lama kan ajjeefaman yoo ta’u kilaashiin 8, Bireeniin 2 fi meeshaaleen boodatti hafoo 3 booji’amuusaa beeksiseera. Duulli garee shororkeessaarratti fudhatamu ittifufuusaa hoogganaan raayyaa naannawatti argamu ibsuusaanii odeeffannoon raayyaa ittisaarraa argame nimul’isa.
Finfinneetti buufannii Fayyaa 19 tajaajila dahumsaa baqaqsanii yaaluu kennaa jiru
Mar 27, 2024 354
Bitootessa 18/2016(TOI) - Finfinneetti bufataaleen fayyaa 19 tajaajila dahumsaa baqaqsanii yaaluu kennuun kennisa tajaajila fayyaa haadholii fi daa'iimmanii keessaatti gahee olaanaa baha jiraachuu Biiroon Fayyaa bulchiinsa magaalichaa beeksise. Du'aa haadjolii fi daa'immanii hir'isuu keessatti haalli rakkoo fayyaa walxaxaa ta'ee yeroo haadholii mudatu lubbuu isaanii baraaruuf tajaajilli dahumsaa baqaqsanii yaaluu filatamaadha. Ta'uus garuu waggoota dheeraaf tajaajilli kun kan kennamu sadarkaa hospitaalaatti ta'uu isaan hospitaalota irratti dhiibbaan akka baay'atu fi haadholii irraanis dhaamaatii hedduu geesisaa tureera. Magaalaa Finfinneetti rakkoo kana furuuf buufataalee fayyaa dhiheenya Hospitaalootaatti argaman sadarkaa hospitaalotaatti qindeesuun tajaajila kana kennuu akka eegalan taasifamuu Biiroo Fayyaa magaalichaatti daarektarri fayyaa Haadholii fi Daa'immanii Sinidduu Makuriyaa TOI'tti himaniiru. Kanaanis buufataalee fayyaatti tajaajilli dahumsaa baqaqsanii yaaluu bara 2010 irraa eegaluun kennamaa jirachuu eeranii; yeroo ammaa magaalichaatti bufataaleen fayyaa 19 tajaajila kana kennaa jirachuu himaniiru. Gara fuula duraattis buufatalee fayyaa ammayyeessuun tajaajiloota yaala fayyaa biroo Hospitaaloonni kennaan dabalataan akka kennan xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru. Buufataaleen fayyaa hanga ammaatti tajaajila dahumsaa baqasanii yaaluu kennuu jalqaban kunneen dhiibbaa gama kanaan hospitalootarra gahaa ture hiri'isuun cinaatti, tajaajila fayyaa haadholii eeguu keessaattis gahee olaanaa bahachaa jiru jedhaniiru.
Dubartoonni kutaa biyya keenyaa addaddaarraa walitti dhufan yaadannoo injifannoo Adwaa daawwatan
Mar 27, 2024 30
Bitootessa 18/2016(TOI)- Dubartoonni kutaa biyya keenyaa addaddaarraa walitti dhufan yaadannoo injifannoo Adwaa daawwataniiru. Yaadannoon injifannoo Adwaa shoora kutaalee hawaasaa hundaa karaa agarsiisuu fi akkaataa dhaloonni dhufu irraa baratuun ijaaramuunsaa akka isaan gammachiise ibsaniiru. Qoodni dubartoonni injifannoo Adwaarratti qaban golambaa kana keessatti mul’ifamuunsaatti gammaduusaanii odeeffannoon waajjira kantiibaarraa argame nimul’isa.
Diinagdee
Aadde Adaanech Abeebee sababa misoomaan lammilee bakka jireenyaa isaaniirra ka'aniif kan ooluu ijaarsa mana jireenyaaf dhagaa bu'uura kaa'an
Mar 28, 2024 7
Bitootessa 19/2016(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee sababa misoomaan jiraatoota magaalichaa bakka jireenyaa isaaniirra ka'anii fi manguddootaaf kan ooluu ijaarsa mana jireenyaaf dhagaa bu'uuraa kaa'an. Dhagaan bu'uuraa ijaarsa manneen jireenyaa kanaas kan kaa'ame kutaa magaalaa Laaftoo naannaawwaa Labuudha jedhameera. Manneen jireenyaa kunis gamoowwaan 3 abbaa darbii shanii yoo ta'an walii galaan manneen jireenyaa 108 of keessaa kan qabanidha jedhameera. Ijaarsi gamoowwan kanneen deeggarsa abbootii qabeenyaan kan ijaaramu yoo ta'u ijaarsi isaas guyyyoota 90 keessaatti ni xumurama.
Sanyii filatamaa akaakuu gara garaa sadarkaa barbaadaniin dhiheennatti argachuu keenyaan oomishtummaan keenya dabaleera-qonnaan bultoota aanaa Sinaanaa
Mar 28, 2024 10
Bitootessa 18/2016(TOI)-Sanyii filatamaa akaakuu gara garaa sadarkaa barbaadaniin dhiheennatti argachuun isaanii oomishtummaa isaanii dabaluuf kan qarqaaru tahuu Qonnaan bultoonni godina baalee aanaa sinaanaa dubbatan. Gatiin gurgurtaa sanyii filatamaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe sodaa itti uumuus qonnaan bultoonni dubbatanii jiru. Dhiheessii sanyii filatamaa si’eessuuf intarpiraayizichaaf qonnaan bulaa jiddutti riqicha ta’anii hojjachuun bu’aa ofii argataniin cinaatti qonnaan bulaan qe’ee isaarraa osoo hin fagaanne sanyii filatamaa akka argatuuf tumsaa jiraachuu kan dubbatan ammo ''Ejentii'' raabsaa sanyii dhaabbatichaa kan ta’an obbo Nuuraddiin Amaani. Intarpiraayizichatti hoji geeggessaan damee Baalee obbo Muluqan Aschaaloo akka jedhanitti, intarpiraayizichi hanqina sanyii filatamaa qonnaan bultootaa xiqqeessuun oomishtummaa dabaluuf hojjachaa jira. Intarpiraayizichi sanyii akaakuu gara garaa bara dabre oomishe kan facaasaa yeroo 2016/2017f oolu kuntaala kuma 360 tahu qulqulleessaa jiras jedhan. Sochii hanga ammaatti taasifameenis kuntaalli kuma 140 ol qulqulleessuun facaasaa yeroo arfaasaaf godinaalee Oromiyaa gara garaatiif raabsuu jalqabuu eeran. Sanyiin intarpiraayizichaan raabsamaa jiran dhibee waagii dandamachuun calla gaarii kanneen kennan giddugaleessota qorannoo qonnaa Sinaanaa, Qulumsaa, Amboo fi kanneen biroo irraa qorannoon bahan ta’uus obbo Muluqan himan. Yaaddoo gurgurtaa gatii sanyii filatamaatiin walqabatee qonnaan bultoonni kaaasan yeroo deebisan ''gatiin kan murtaa'u intarpiraayizii Oromiyaa qofaan osoo hin taane gabaa waliigala biyyaatiin ta'uu kaasan. Intarpiraayiziin sanyii filatamaa Oromiyaa damee Baalee qonnaalee Godina Baalee Sinaanaa, Roobeef akkasumas Arsii lixaatti kan argaman heeraroo, hunxee fi billittoo siraaroo heektaara kuma 17 ol tahan kan bulchu tahuu ragaan intarpiraayizichaa ni mul’isa.
Hojiin misooma Kooriidaraa wayita xumurame qooda fudhattoota hundaaf akkasumas ummata bal’aaf faayidaa olaanaa qaba-ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 27, 2024 36
Bitootessa 18/2016(TOI)- Hojiin misooma Kooriidaraa Finfinneetti adeemsifamaa jiru wayita xumurame qooda fudhattoota hundaaf akkasumas ummata bal’aaf faayidaa olaanaa akka qabu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Hojii misooma kooriidaraa magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jiru har’a ganama qorachuusaanii beeksisaniiru. Ministirri muummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin kaayyoon keenya dursaa Finfinneen jiraattotaaf kan mijoofte magaalaa hawattuu taasisuuf gochuuf kutannoo qabnu milkeessuudha jedhaniiru. Adeemsi misoomsuu qabeenyota damee dhuunfaa fi mootummaa akkasumas kutaalee hawaasaa galii xiqqaa qabanii fi qaamoleen biroon qabamanii fi kireeffaman kan tuqe ta’us hojiin kun wayita xumuramu qooda fudhattoota hundaaf akkasumas ummata bal’aaf faayidaa olaanaa akka kennu ibsaniiru. Dabalataanis aadaa hojii haaraan mul’achaa jiru guutuu biyyaatti fudhatamee baay’achuu kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.
Dureeyyiin Nezerlaandis hirmaannaa Invastimantii itiyoophiyaa keesatti qaban guddisuuf hojjetamaa jira- ambaasaaddar Heenk Jaam Baake
Mar 27, 2024 32
Bitootessa 18/2016(TOI)- Dureeyyiin Nezerlaandis hirmaannaa Invastimantii itiyoophiyaa keesatti qaban cimsuuf hojjetamaa akka jiru Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri biyyattii Heenk Jaan Baaker ibsan. Ambaasaaddar Heenk Jaan Baaker turtii TOI waliin taasisaniin Itiyoophiyaa fi Nezerlaandis biyyoota hriiroo gaarii waggoota dheeraaf qabanidha. Itiyoophiyaan tumsituu misoomaa Nezerlaandis ishee jalqabaa ta’uushee dubbatanii, yeroo ammaa wabii nyaataa, bishaanii fi fayyarratti xiyyeeffatanii hojjechaa akka jiran himaniiru. Hawaasni daldalaa Nezerlaandis hedduun Itiyoophiyaa keessa jiraachuusaanii ibsanii, kaampaaniiwwan 100 ta’an Invastimantii addaddaarratti hirmaachaa jiru jedhaniiru. Hedduunsaanii kuduraa fi muduraa akkasumas misooma Abaaboorratti hirmaachaa akka jiran eeraniiru. Nezerlaandis biyyoota bakka qaqqabiinsaa daldala alaa Itiyoophiyaa keessaa ishee ijoo ta’uushee ibsanii, biyyoonni Lamaan tums agama daldalaan qaban cimsuuf xiyyeeffannoon nihojjetama jedhan. Haala walfakkaatuun dureeyyonni Nezerlaandis hirmaannaa Iinvastimantii Itiyoophiyaa keessatti qaban cimsuuf hojjetamaa akka jiru ambaasaaddarichi mirkaneessaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Imalli Ce’umsa Dijitaalaa erga eegalamee akka biyyatti tarkaanfiiwwan murteessoo tarkaanfanneerra
Mar 26, 2024 44
Bitootessa 17/2016 (TOI)- Imalli Ce’umsa Dijitaalaa erga eegalamee akka biyyaatti tarkaanfiiwwan murteessoo tarkaanfanneerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad. “Dijitaal Itiyoophiyaa 2025” namootaa kalaqaaf deeggarsa argamsiisuu fi imalaa dijitaalaaf haalota mijatoo uumuun diinagdee dijitaalaan akka jajjabaannu dandeettii uumeera jedhan. Guyyaa har’aas gamaaggamaa raawwii karooraa bara giddugaleessaa gaggeeeffameen hanqinaalee jiran sakatta’uun akkasumas milkaa’ina imalaa kabajuuf carraa kan uume ta’uu Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii jiddugaleessa innoveeshinii ijaarsise eebbisiise
Mar 22, 2024 255
Bitootessa 13/2016(TOI)- Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii jiddugaleessa innoveeshinii ijaarsise eebbisiise. Jiddugaleessi innoveeshinii (Inooviis Ke Itiyoophiyaa) ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii deeggarsa ejensii tumsa idil addunyaa Kooriyaan ijaarsise eebbisiiseera. Jiddugaleessichi paarkii ‘ICT’ keessatti kan ijaarame yoo ta’u, start aappotaa fi dargaggoota hojii uumtota Itiyoophiyaatti argaman hojiilee bu’ura misoomaa teeknooloojii fi innoveeshiiniin deeggaramanii hojjetan akka deeggaru ibsameera. De’eetaan ministiraa innoveeshinii fi teeknooloojii Baayyisaa Badhaadhaa haasawa waltajjicharratti taasisaniin jiddugaleessichi ijaarsa Itiyoophiyaa dijitaalaa keessatti qoodasaa akka bahu ibsaniiru. Keessumaa ogeeyyonni hojii uuman yaadota staart aappii gabbisuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Ittaanaa pirezidaantii ejensii tumsa idil addunyaa Kooriyaa(Kooyikaa) Doong Hoo Kiim gamasaaniin Kooyikaan Itiyoophiyaatti pirojektii kana keessatti hirmaachuusaa ibsaniiru. Ejensichi deeggarsi dameelee teeknooloojii fi innoveeshinii biroo keessatti taasisu cimsee akka itti fufu eeraniiru.
Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf damee dhuunfaa waliin tumsaan nihojjeta-doktar Saamu’eel Kiflee
Mar 19, 2024 84
Bitootessa 10/2016(TOI)- Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf galmoota qabaman keessaa damee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan nihojjechuun isa tokko akka ta’e pirezidaantiin eeggataa yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee ibsan. Yuunivariitichii fi gareen Faariis Teeknooloojii hojii qorannoo fi kalaqaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Pirezidaantiin eeggataa Yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee fi hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariis Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw waliigalticha mallatteessaniiru. Doktar Saamu’eel wayita kana akka jedhanitti galmoota yuunivarsiitichi tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf qabaman keessaa dameelee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan hojjechuun isa tokkodha jedhaniiru. Waliigalteen garee teeknooloojii Faariis waliin taasifame qaama tarsiimichaa ta’uu eeranii, qorannoo fi qu’annoon akkasumas kalaqarratti tumsaan nihojjeta jedhaniiru. Pirezidaantiin eeggataa kun akka jedhanitti waliigaltichi yaalii yaada kalaqaa barattootaa qabeenyatti jijjiiruuf taasifamuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariif Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw gamasaaniin Yuunivarsiitiin Finfinnee dandeetti guddaa qabu fayyadamuuf waliigaltichi carraa gaarii ta’uusaa dubbataniiru. Garuchi pirojektoota teeknooloojiin walqabatan bocee hojjechaa akka jiru eeranii, waliigaltichi bu’a qabeessummaa teeknooloojii caalaatti niguddisa jedhaniiru.
Itiyoo telekoom hammattummaa dijitaalaan dubartoota ga’oomsuuf ‘inisheetiivii Konneektid Wuumeen waliin waliigatee mallatteesse
Mar 8, 2024 164
Guraandhala 29/2016(TOI)- Itiyoo telekoom hammattummaa dijitaalaan dubartoota ga’oomsuuf ‘inisheetiivii Konneektid Wuumeen waliin waliigatee mallatteesseera. Waliigalteen kun garaagarummaa sirna –saalaa dijitaalaa dhiphisuu fi hammattummaa dijitaalaa dubartootaa guddisuu akka dandeessisu eerameera. Hojii raawwachiiftuun muummee Itiyoo telekoom Fireehiwoot Taammiruu fi hooggantoota inisheetiivichaa waliin Ispeen Baarsaloonaatti waliigalticha mallatteessuusaanii odeeffannoo Itiyoo telekoomirraa argame nimul’isa. Waliigaltichi fayyadama intarneetii moobaayilii fi tajaajila maallaqa moobaayilii karaa teeleebirrii dubartootaa akka lakkoofsa Awurooppaa amma bara 2026tti guddisuuf akka ta’ee fi tajaajila intarneetii moobaayilii fi faayinaansii dijitaalaa hammataa dhiheessuuf kan xiyyeeffate dha. Adde Fireehiywoot akka jedhanitti kaampaanichi hanqina sirna saalaa dijitaalaa amma mul’atu dhiphisuuf tajaajilootaintarneetii moobaayilii fi faayinaanshaalii moobaayilii dubartootaan gahuuf dubartoonni dinagdee dijitaalaa keessatti hirmaattotaa fi fayyadamooakka ta’an kutannoon hojjechaa akka jiru ibsameera.
Ispoortii
Ijaarsi boqonnaa 2ffaa Istaadiyeemii 'Adey Ababa' eegalamuufi
Mar 24, 2024 80
Bitootessa 15/2016(TOI) - Ijaarsi boqonnaa 2ffaa Istaadiyeemii biyyaalessaa 'Adey Ababa' yeroo dhiwootti akka eegalamu Ministeerri Aadaafi Ispoortii beeksise. Ijaarsi isaa bara 2008 kan eegalame yoo ta'u %50 goolabamuun bara 2012 ijaarsi boqonnaa 2ffaa eegalamuuf karoorfamus, rakkoo sirna kaffaltiin wal qabatuun harkifachuu himameera. Istaadiyeemichi namoota kuma 62 teessoon kan qabata.
Itiyoophiyaan dorgommii Atileetiksii guutuu Afriikaa sadarkaa lammaffaan xumurte
Mar 23, 2024 124
Bitootessa 14/2016(TOI)- Itiyoophiyaan dorgommii Atileetiksii guutuu Afriikaa meedaaliyaa 18’n Naayijeeriyaatti aanuun sadarkaa lammaffaan xumurteetti. Dorgommiin atileetiksii guutuu Afriikaa 13ffaa Gaanaa Yuunivarsiitii Akraatti taasifamaa ture xumurameera. Dorgommii Kanaan Itiyoophiyaan dhiira 47, dubartoota 40 walumaagala atileetota 87’n bakka bu’uun Warqee 7, meetii 7 fi Naasa 4 walumaa gala meedaaliyaa 18 argatteetti.. Biyyoota Afriikaa 50 irraa atileetonni 640 dorgommii kanarratti hirmaachuusaanii odeeffannoon federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa nimul’isa.
Itiyoophiyaan dorgommii meetira kuma 5 fi kuma kuma 1 fi 500’n Warqee 6ffaa fi 7ffaa argatte
Mar 23, 2024 84
Bitootessa 14/2016(TOI)-Taphoota guutuu Afriikaa 13ffaa Gaanaatti taasifamaa jiruun Itiyoophiyaan dorgommii meetira kuma 5 dhiirotaa fi kuma 1 fi 500 dubartootaan Warqee 6ffaa fi 7ffaa argatteetti. Meetira kuma 5 xumuraa dhiirotaan atileet Hagos Gabrahiwoot Itiyoophiyaaf Warqee argamsiiseera. Atileet Hiruut Mashashaa dorgommii dubartootaa meetira kuma 1 fi 500’n meedaaliyaa Warqee argamsiifteetti. Atileet Hawwii Abarraas meedaaliyaa meetii Itiyoophiyaaf argamsiifteetti. Atileet Ermiyaas Girmaa dorgommii dhiirotaa meetira kuma 1 fi 500 xumuraan meedaaliyaa meetii argamsiiseera.
Itiyoophiyaan meetira kuma 10 dubartootaan meedaaliyaa Meetii fi Naasaa mo’atte
Mar 22, 2024 90
Bitootessa 13/2016(TOI)-Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii Fiigicha meetira kuma 10niin meedaaliyaa Meetii fi Naasaa mo’atteetti. Taphoota guutuu Afriikaa 13ffaa fageenya Kanaan Wudde Kaffaalee lammaffaa Tikkee Amaaree ammoo 3ffaa bahuunshee beekameera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin eegumsa naannoo saayinsaawaa ta’e cimuu qaba
Mar 20, 2024 79
Bitootessa 11/2016(TOI)- Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin eegumsa naannawaa fieegumsa qabeenya uumamaa saayinsaawaan cimuuakka qabu qorataan damichaa doktar Mangistuu Wubee ibsan. Doktar Mangistuu Wubee biyya keessaa fi biyyoota addaddaatti barsiisuu fi damee qonnaatiin qorannaa kan taasisan, wabii nyaataarratti qorannoo hedduu kan taasisanii fi kitaabota nama barreessanidha. Eegumsa naannoo fi dhimmoota walfakkaatoo ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisan qorataan kun, Itiyoophiyaan sirna misooma ikoo heddumminaa fi lubbeeyyii heddumminaatiin qaxanicha sooruu akka dandeessu akka dandeessuu kaasaniiru. Gama Kanaan hojiileen misoomaa waggoota darban gama eegumsa biyyaa fi bishaanii akkasumas sagantaa ashaaraa magariisaatiin raawwatamanfaayidaa olaanaa akka qaban ibsaniiru. Hojiileen misoomaa kunneen karaa saayinsaawaa fi ittifufiinsa qabuun yoo hinraawwatamne bu’aa barbaadamu fiduun waan hindanda’amneef hojiileen eegumsa naannawaa fi qabeenya uumamaa bifa Kanaan cimuu qabu jedhaniiru. Sirna barnootaa keessatti barumsa idileen duraarraa kaasee waa’ee eegumsa naannoo barsiisuun akka barbaachisuu fi qoonni dhaabbilee bu’ura beekumsa biyya keessaa gabbachuu qaba jedhan. Hojii eegumsa qabeenya uumamaa egereef imaammanni eegumsaa fi ittifayyadama lafaa murteessaa ta’uu eeranii, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda olaanaa qau jedhaniiru. Gara jabinni dhalli namaa qabeenya uumamaarraan gahe isumarratti rakkoolee hedduu uumuusaa kaasaniiru. Jijjiiramni haala qilleensaa danqaan wabii nyaataarratti geessise qolachuuf misoomsuun akka jirutti ta’ee, tarsiimoo dhiibbaa damdamachuu danda’u hordofuun akka barbaachisu dubbataniiru. Gama Kanaan sagantaaleen misooma Qamadii fi dhaala leemataa mootummaan xiyyeeffannoo addaan raawwachaa jiru abdii guddaa kan kennudha jedhaniiru qorataan kun. Sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 25 akka dhaabaman ibsameera. Sagantaan ashaaraa magariisaa qaama yaalii Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf taasiftuu ta’uunsaas nibeekama.
Naannoo Gaambeellaatti misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiilee misooma sululaa cimsuun nibarbaachisa-obbo Gabramasqal Caalaa
Mar 20, 2024 90
Bitootessa 11/2016(TOI)- Naannoo Gaambeellaatti misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiilee misooma sululaa cimsuun akka barbaachisu ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa obbo Gabramasqal Caalaa ibsan. Sagantaan sosochii naannichatti misooma sululaa cimsuu dandeessisu hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo bakka argamanitti naannicha godina Anyiwaak aanaa Abaabootti adeemsifameera. Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa fi qindeessaan garee supparviijinii federaalaa obbo Gabramasqal Caalaa wayita kana hojiileen misooma sululaa naannichatti hojeeffamaa akka jirudaawwannaa taasifameen mirkaneessuun akka danda’ame dubbataniiru. Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii qooda olaanaa akka qabaatu eeranii, damee kana cimsuuf hundi xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhaniiru. Bulchaan bulchiinsa naannoo Gaambeellaa obbo Umod Ujuluu gamasaaniin, hojiin qabeenya uumamaa naannichaa eeguu fi kunuunsuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf hojjetamu xiyyeeffannoon kennameeraf. Misoomni sululaa faayidaa misooma qonnaaf qabuun alatti iddoowwan dhiqaman gara qabiyyeesaanii duraatti deebisuu fi qabeenya bishaanii gabbisuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu dubbataniiru. Kanaaf sagantaa Kanaan hojiilaa misooma sululaa jalqabaman bu’a qabeessa taasisuuf hawaasa hirmaachisuun akka hojjetamu ibsaniiru. Hojiilee misooma sululaa waggoota darban hojjetamaniin iddoowwan miidhaan irra gahe qabiyyeesaanii duraatti deebi’uusaanii kan dubbatan ammoo ittigaafatamaa biiroo qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa obbo Ujuluu Luwaal dha. Baatii bonaa baranaatiin lafa heektaara kuma 40 irratti hojiin eegumsa bishaanii fi biyyoo akka hojjetamu ibsaniiru. Sagantaan sosochii misooma sululaa kaleessa jalqabamee fi kutaaleen hawaasaa kuma 45 irratti hirmaatan baatii tokkoof akka ittifufu beeksisaniiru. Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa obbo Gabramasqal Caalaa fi bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Umood Ujuluu dabalatee hooggantoonno olaanoo federaalaa fi naannoo sagantaa sosochii kanarratti argamaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatan fi nageenyi hidhaawwanii akka eegamu qooda olaanaa bahaa jira
Mar 16, 2024 127
Bitootessa 07/2016(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatan fi nageenyi hidhaawwanii akka eegamu qooda olaanaa bahaa jakka jiru ministirri bishaanii fi inarjii doktar injiinar Haabtaamuu Ittafaa ibsan. Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lamaan biqiltuuwwan biiliyoona 50 dhaabuuf karoorsitee hojjechaa kan jirtu yoo ta’u bara 2011 irraa kaasee biqiltuuwwan biiliyoona 32 tuqaa 5 dhaabamaniiru. Ministirri bishaanii fi inarjii doktar injiinar Haabtaamuu Ittafaa akka ibsanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa burqaaleen sababa jijjiirama haala qilleensaatiin goganii ture akka gabbatan gumaacha olaanaa taasisaa jira. Ammi bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka dabalu qooda olaanaa bahaa jiraachuun olitti dhiqama biyyoo ittisuun hidhaawwan dalaliin akka hinguutamne taasisuusaa kaasaniiru. Gama biraatiin sagantaan ashaaraa magariisaa balaa ongee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin uumamaa jiru ittisuuf gargaaraa jira jedhaniiru. Haata’u malee balaawwan ongee naannawoota biyyattii addaddaatti mudatan damdamachuuf mootummaan pirojektoota addaddaa hojeessuu jalqabuusaa dubbataniiru. Aanaalee biyyattii 80 ol keessatti pirojektoonni bishaan lafa keessaa fi lafarraa ijaaramuusaanii ibsaniiru. Kana malees mootummaan bishaan dhugaatii qulqulluu lammiileen gahuuf kutannoon hojjechaa akka jiru eeranii, pirojektoonni duubatti harkifatan akka xumuraman xiyyeeffannoo addaa kennuusaa himaniiru.
Hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii bona hojjenne wabii nyaataa mirkaneessuuf nugargaareera-qonnaan bultoota Gujii
Mar 14, 2024 140
Bitootessa 05/2016(TOI)- Hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii bona hojjetan wabii nyaataa mirkaneessuuf isaan gargaaraa akka jiru qonnaan bultoota godina Gujiii bsan. Ummanni godinichaa baatiiwwan lamaan darban hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii birrii miiliyoona 72tti tilmaamamu hojjetamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksiseera. Aanaa Anaasooraatti jiraataan ganda Buliyyoo Hirbaayee Baarettoo hojiin eegumsa biyyii fi bishaanii bardheengaddaa hojjetan abdii akka irraa horatan dubbataniiru. Biqiltuuwwan dhaaban irra caalaan akka qabatanii fi bona baranaa burqaan osoo hingogiin turuusaanii himaniiru. Aanichatti jiraataan ganda Raayyaa Boddaa obbo Gammadaa Sooraa akka jedhanitti, sababoota addaddaatiin rakkoon nyaata ba eelladaa deddeebi’ee isaan mudata. Burqaaleen waan goganiif beelladarratti miidhaan guddaan niqaqqaba jedhaniiru. Rakkoo kana dura namudaterraa baradheera jedhamii, burqa gabbisuun hojii hidha biyyoo fi qophii biqiltuu ashaaraa magariisaarratti torbanitti guyyaa sadii hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Waajjira qonnaa godinichaatti dursaan garee qabeenya uumamaa obbo Wandoo Sharbotee baatii Amajjiirraa kaasee godinichatti hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamaa jiruun hojiileen birrii miiliyoona 72tti tilmaamamu akka hojjetaman yaadachiisaniiru. Lafti rakkoo uumamaa fi namtolcheen miidhame heektaara kuma 100 olitti tilmaamamu biqiltuun uwwifamuu fi kutaaleen hawaasaa kuma 133 ol hirmaachuu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
''Magaalichaatti balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'ameera''
Mar 26, 2024 208
Bitootessa 17/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ji'oota jahan darban balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'amuu Komishiniin bulchiinsa sodaa balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Komishinichatti itti aanaan komishinaraa damee balaa hir'isuu Yikifawuu Waladamsqal TOI'tti akka himaniitti; balaa ibiddaa, balaa yeroo ijaarsaa mudatu, sigigaachuu lafaa fi balaan lolaa irra deddebiin magaalichaatti yeroo baay'ee kan uumamaan ta'uu himaniiru. Magaalichatti ji'oota jahan darban balaan Ibiddaa fi balaan tasaa 239 mudachuu eeranii; hojii ittisuu Komishiinichi hojjeteen qabeenya birrii biliyoona 7'tti tilmaamamu balaa mancaatiirra baraaruun danda'amuu himaniiru. Balaawwaan mudatan kanaan qabeenyi birri miliyoona 467'tti dhihaatu mancaa'uu himanii; balaa ibiddaan ala balaawwaan biroo mudataniin lubbuun namoota 31 darbuus eeraniiru. Komishiinichi waan balaa durasanii ittisuu fi balaan erga mudatee qolachuu irratti xiyyeeffatee hojjeteef malee kanaa ol miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namarran gahuu danda'u jedhaniiru. Guddinaa fi baay'ina uummataa magaalichaa hordofee balaawwaan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf adeemsa tekinolojiiwwan deeggarame diriirsuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjetama turuu himaniiru. Kanaanis jiddugala eeruu balaa gara dijitaalaatti jijjiruun danda'uu himanii, kunis eeruu sobaa kanaan dura turan hambisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahedha jedhaniiru. Jiddugalicha dameewwan isaa salganuu waliin kaameeraa CCTV'n wal qunnamsiisuun sochiiwwan isaanii walii galaa to'achuuf adeemsi dandeesisuu uumameera jedhaniiru. Hojii riifoormii taasifameen baay'ina jiddugalawwan isaa babal'isuu, naannawwaa hojii mijataa uumuu, lakkoofsa konkolaatoota yeroo balaan mudatan dhimma itti bahanii dabaluu fi hojiin biroon hojjetamuu himaniiru.
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 1617
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.