ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Paartiin badhaadhinaa tumsa tarsiimawaa paartii koministii Chaayinaa waliin qabu itti fufa-obbo Addisuu Araggaa
Mar 29, 2024 14
Bitootessa 20/2016(TOI)- Paartiin badhaadhinaa tumsa tarsiimawaa paartii koministii Chaayinaa waliin qabu cimsee itti fufa jedhan ittigaafatamaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa obbo Addisuu Araggaa. Jilli hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaa sadarkaa addaddaarra jiranii kan obbo Addisuu Araggaan durfamu Chaayinaa Beejiing dhaqeera. Daawwannicha ilaalchisuun obbo Addisuun akka ibsanitti, paariin koministii Chaayinaa fi paartiin badhaadhinaa tumsa tarsiimawaa fi michooma caalaatti cimsuuf haala danda’amurratti hooggantoota paartichaa addaddaa waliin nimari’atama. Ijaarsa paartii, sosochii ummataan misooms egeree mirkaneessuu, dhimmoota ummataa fi idil addunyaarratti waljijjiirraan muuxannoon akka taasifamu ibsaniiru. Akkaataa sagantaa qabameen hooggantoonni paartii koministii Chaayinaa garee kanaaf ibsa kennaa jira. Tarkaanfiiwwan Badhaadhina Chaaynaa mirkaneessuuf fudhataman, karaan eenyummaa daneessaa osoo waliin hinmakiin guddina dhugoomsuuf deemame, qajeelfamni dippilomaasii dhimma keessa biyyootaa seenuu dhiisuu bu’aan argisiise ibsa nitaasifama.
Sadarkaa naannoo Oromiyaatti konfransiin paartii badhaadhinaa Adaamaatti taa’amaa jira
Mar 29, 2024 22
Bitootessa 20/2016(TOI)- Sadarkaa naannoo Oromiyaatti mata duree “jecha hojiidhaan badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun konfransiin paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti jalqabame. Miseensi hojii raawwachiisaa paartichaa fi pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis dabalatee hooggantoonni olaanoo naannichaa, miseensonni paarticharraa bakka bu’anii fi bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa addaddaakonfaransicharratti hirmaachaa jiru.
Hojiiwwan misoomaa jireenya jiraattota magaalaa Finfinnee egereef fayyadamaa taasisan cimanii ittifufu-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 28, 2024 203
Bitootessa 19/2016(TOI)- Hojiiwwan misoomaa jireenya jiraattota magaalaa Finfinnee egereef fayyadamaa taasisan cimanii akka ittifufan Kantiibaan magaalattii Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech kanneen misoomaaf jecha bakkaa ka’an, dadhabootaa fi kanneen biyyaaf oolmaa oolaniif kutaa magaalaa Nifaas silk Laaftootti ijaarsa manaaf dhagaa bu’uraa kaa’aniiru. Ijaarsi kun rakkoo mana jireenyaa namoota hedduu akka furuu fi jireenya lammiilee jireenya gadaanaarra jiranii fooyyessuuf kan dandeessisudha jedhan. Gamoowwan ijaaraman sadii baasiinsaa guutummaatti dureeyyota tola ooltotaan ta’uu fi guyyoota 90 keessatti akka xumuramu ibsaniiru. Qonni magaalaa. Dhaalli leemataa, ijaarsi manaa fi pirojektoonni namarratti xiyyeeffatan biroon hojjetamaa akka jiran kantiibaa Adaanech dubbataniiru. Fuulduras hojiiwwan misoomaa jiraattota magaalattii egereef fayyadamoo taasisan hojjechuun yaalii qindaa’aa mootummaa fi dureeyyii ittifufa jedhaniiru. Dureeyyiin tola ooltotaa gamasaaniin, hojiilee misoomaa namarratti xiyyeeffatan kan Finfinneetti hojjetamaa jiranirratti hirmaannaasaanii akka ittifufan dubbataniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee dabalatee hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee,dureeyyii fi keessummoonni afeeraman saganticharratti argamaniiru.
Mootummaan Faransaayi suphaa bataskaanota Laalibalaa dabalatee deeggarsi hojiilee misoomaa addaddaaf taasisaa jiru onnachiisaa ta’uun ibsame
Mar 28, 2024 218
Bitootessa 19 /2016 (TOI)- Mootummaan Faransaayi suphaa bataskaanota Laalibalaa dabalatee deeggarsi hojiilee misoomaa addaddaaf taasisaa jiru onnachiisaa ta’uun ibsame. Bulchaan bulchiinsa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Faransaay Reemii Maariishoo waliin misoomaa fi deeggarsa ilaalchisuun magaalaa Bahaardaaritti mari’achaa jiru. Bulchaan bulchiinsa kun maricharratti akka jedhanitti, hojiin mootummaan Faransaayi misooma tuurizimii, fayyaa fi misooma biroo deeggaruun hojjechaa jiru onnachiisaadha. Suphaa bataskaanota Laalibalaa, Hoospitaala Dasee fi hojiin qonnaa akka si’atu deeggarsa taasifame akka agarsiiftuutti eeraniiru. Deeggarsii fi tumsi namoomaa lammiilee naannichaa rakkoo uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif mootummaa Fayansaayiin taasifamaa jiru cimee akka ittifufu bulchaan bulchiinsaa kun himaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Faransaayi Reemii Maariishoo gamasaaniin, damee qonnaatiin naannichatti sanyii filatamaa dhiheessuun oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf akka deeggaran dubbataniiru. Kun ammoo dinagdee naannichaa cimsuuf akka ta’e dubbataniiru. Haala Kanaan Kanaan dura deeggarsa suphaa hambaa, fayyaa fi dameelee misooma biroon taasisaa turan bal’isuuf akka ta’e ibsaniiru.
Doktar Abiy Ahimad dubartoota naannolee biyyattii garaagaraarraa walitti dhufan waliin mari’atan
Mar 28, 2024 244
Bitootessa 19/2016 (TOI) - Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad dubartoota naannoolee biyyattii garaagaraarraa walitti dhufan waliin mari’ataniiru. Ministirri Muummee FDRI dokatar Abiy Ahimad karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin, hawaasa keessaatti gaheen dubartoota bakka olaanaa kan qabu ta’uu ibsanii, guyyaa har’aas dubartootaa naannoolee biyyattiirraa dhufan waliin kan mari’atanii fi yaada isaanii dhaggeeffachuu himaniiru.
Siyaasa

Itoophiyaan qaxanichaatti fayidaan waloo akka mirkanaa'uuf hojiiwwan milkaa'oo hedduu hojjeteetti
Mar 28, 2024 58
Bitootessa 19/2016(TOI) - Itoophiyaan erga jijjirmaa as qaxanichaatti fayidaa waloo mirkaneesuuf hojii bu'a qabeessa ta'an hedduu hojjechuu ogeessii seeraa, saayinsii nageenyaa fi misoomaa doktar Roobaa Pheexiroos beeksisan. Marii paanaalii Tajaajilli Oduu Itoophiyaa Ministeera Nageenyaa fi Humna Elektirikii Itoophiyaa waliin ta'uun mata duree ''Nageenya qaxanaa fi walooma walitti dhufeenya dinagdee waaraaf'' jedhuun qopheesse geggeeffameera. Marii paanaalii kanarratti miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa, Ministira nageenyaa Binnaalif Andu'aaleem, Hoji geggeessaa olaanaa humna Elektirikii Itoophiyaa injinar Ashabbir Baalchaa, Deetaa ministira daldalaa fi walitti dhufeenya naannawwaa Fisahaa Yittaaggazuu, deetaa ministira nageenyaa doktar Kayiradiin Tazarraa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa biroo fi keessuummoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru. Hayyuu seeraa, saayinsii nageenyaa fi misoomaa kan ta'an doktar Roobaa Pheexiroos bareeffamaa mariif ta'uu mata duree ''Walitti hidhaminsa qaxanaa fi fayyadamummaa waloo uummatootaa '' jedhuun dhiheessaniiru. Ibsa isaaniin Itoophiyaan erga jijjiramaa as fayidaan waloo qaxanichaa akka mirkaanaa'uuf hojiiwwan bu'a qabeessa ta'an hedduu hojjeteetti jedhaniiru. Qaxaanaan gaanfa Afrikaa yaaddoo fi abdii jiru walqixa kan keessuummeessan ta'uu eeranii; kana hubachuun Itoophiyaan qajeeltoo waliin misoomuu bu'uura godhachuun hojii misoomaa fayidaa waloo irratti xiyyeeffatan hedduu hojjechaa jirti jedhaniiru. Qaxanichatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa uumuuf hirmaanaan Itoophiyaa olaanaa ta'uu himaniiru. Insheetivii Gaanfa Afrikaa akkasuma ashaaraa magariisaan naannawwicha walitti hidhuuf hojii hojjetameen bu'aan guddaan argamuu eeraniiru. Walitti dhufeenya daldalaa gama daldalaan, bu'uuraalee misoomaan, Geejibaan fi misooma humna Elektirikiin hojiiwwaan qaxanichaatti Itoophiyaan qabatamaan hojechaa jirtu ta'uu akka fakkenyaatti eeraniiru.
Itiyoophiyaan qaxanaa Afriikaa Bahaatti yaaliin nageenya waaraa, misoomaa fi walittihidhamiinsa daldalaa uumuuf taasiftu cimee ittifufa
Mar 28, 2024 72
Bitootessa 19/2016(TOI)- Itiyoophiyaan qaxanaa Afriikaa Bahaatti misooma waloo, nageenya waaraa fi walittihidhamiinsa daldalaa uumuuf yaaliin taasiftu cimee kan ittifufu ta’uu ministirri nageenyaa Binnaalf Andu’alam ibsan. Mariin paanaalii mata duree “nageenyi qaxanaa fi waloomni walittihidhamiinsa dinagdee egereef” jedhuun qophaa’e konpileeksii miidiyaa ammayyaa TOI keessatti taa’amaa jira. Waltajjicharratti haasawa ka’umsaa kan taasisan ministirri nageenyaa Binnaalf Andu’alam, Itiyoophiyaatti misooma si’achiisuu fi fayyadama ummataa mirkaneessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru. Misooma waloon gamatti nageenya keessoo mirkaneessuu, eeguu fi egeree gochuuf yaalii hunda keenyaa barbaachisa jedhan. Naannawoota waldhabdee fi walitti bu’iinsi turanitti yeroo ammaa nageenyii fi tasgabbiin uumamuusaa yaadachiisanii, gumaacha hawaasni kanaaf taasiseef galateeffataniiru. Nageenya argame ittifufsiisuuf mootummaan yaaliiwwan hedduu taasisaa akka jiru eeranii, deeggarsi qaamolee hundaa akka ittidabalamu gaafataniiru. Gama mootummaatiin rakkoolee kamiyyuu mariin hiikuuf ejjennoon cimaan jiraachuu kan ibsan ministirichi, walitti bu’iinsarraa miidhaa malee homtuu hinjiru jedhaniiru. Kanaaf biyya kan fayyaduu fi hundaaf bu’aa kan qabu filmaata nageenyaa fi marii qofa akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Sochii shororkeessaa, karaa seeraan alaa namoota deddeebisuu fi daldala seeraan alaa gaanfa Afriikaatti taasifamu ittisuuf yaalii taasifamu Itiyoophiyaan gumaacha olaanaa taasisaa akka jirtu ibsaniiru. Naannawi gaanfa Afriikaa rakkoolee hedduun kan qoramu ta’uu obbo Binnaalf kaasanii , dhimmoota fayyadama waloo mirkaneessanirratti hojjechuu barbaachisa jedhan. Nageenya qaxanaa mirkaneessuun tumsa qaamolee hedduu akka gaafatuibsanii, walittihidhamiinsi Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa bahaatti argaman Yuunivarsiitiiwwan biyyoota qaxanichaa addaddaa waliin jalqabanakka fakkeenyaatti akka eeramu dubbataniiru. Muuxannoo akkasii naannawoota hundatti bal’isuun akka barbaachisu ibsaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribee, TOI’n ergamasaa waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi biyya ijaaruu sirnaan bahachaa jira jedhaniiru. Dhimmoota faayidaa biyyaa qabanirratti waltajjii uumuun lammiileen faayidaa biyyaalessaa irratti ilaalcha walfakkaataa akka qabaatan hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Fuulduras waltajjiiwwan lammiileen faayidaa biyyaalessaaf waloomaan akka dhaabatan qopheessuun ergama biyyaalessaa bahachuuf nihojjeta jechuun mirkaneessan. Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa Kanaan dura waltajjiiwwan faayidaa biyyaalessaa qaban qopheessaa turuunsaa niyaadatama.
Mariin Paanaalii nageenya naannaawwaa fi tumsa walitti dhufeenya dinagdee waaraa ta'erratti xiyyeeffate geggeeffama jira
Mar 28, 2024 55
Bitootessa 19/2016(TOI) - Mariin Paanaalii nageenya naannaawwaa fi tumsa walitti dhufeenya dinagdee waaraa ta'erratti xiyyeeffate Finfinneetti geggeeffama jira Marii kana Tajaajila Oduu Itoophiyaatu mata duree ''Nageenya naannawwaa fi walooma walitti dhufeenya dinagdee waaraaf'' jedhuun Ministeera nageenyaa fi Humna Elektirikii Itoophiyaa waliin ta'uun qopheesse. Marii paanaalii kanarratti miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa, Ministira nageenyaa Binnaalif Andu'aaleem, Hoji geggeessaa olaanaa humna Elektirikii Itoophiyaa injinar Ashabbir Baalchaa, Deetaa ministira daldalaa fi walitti dhufeenya naannawwaa Fisahaa Yittaaggazuu, deetaa ministira nageenyaa doktar Kayiradiin Tazarraa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa biroo fi keessuummoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru. Marii paanaalii kanarratti; waraqaan mariif ta'uu kan fayidaa Nageenyi naannawwa fi waloomni tumsa dinagdee waaraa ta'ee irratti qaburratti xiyyeeffate dhihaatee irratti mari'atamaa jira.
Dubdeebiin gareen suupparviijinii federaalaa kenne hojiirra ni’oola-obbo Shimallis Abdiisaa
Mar 28, 2024 53
Bitootessa 18/2016(TOI)- Dubdeebiin gareen suupparviijinii federaalaa naannoo Oromiyaatti hojii suuparviijinii taasisaa ture kenne hojiirra akka oolu pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan. Gareen suupparniijinii ministira ittisaa doktar Abrahaam Balaayiin durfamu supparviijiniin naannichatti taasisaa ture xumuramuusaa obbo Shimallis ibsaniiru. Gareen kun supparviijinii naannichatti taasisaa ture ilaalchisuun dubdeebii kenneera. Mootummaan naannoo keenyaa dubdeebii kenname akka galteetti fudhatee hojiirra akka oolchu ibsaa, garee kana maqaa koo fi maqaa mootummaa naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada jechuusaanii odeeffannoon fuula marsariitiisaaniirraa arganne nimul’isa.
Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo ministira gargaaraa dhimmoota Qoonsilaa Ameerikaa ambaasaaddar Riinaa Biiyter waliin mari’atan
Mar 28, 2024 36
Bitootessa 19/2016 (TOI)- De’eetaan ministitaa ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo ministira gargaaraa dhimmoota Qoonsilaa Ameerikaa ambaasaaddar Riinaa Biiyter waliin mari’ataniiru. Mariin kunis dhimmoota tajaajila Qoonsilaa, kenniinsa viizaa fi tajaajiloota walfakkaatoo lammiilee biyyoota lamaaniif kennamu irratti kan xiyyeeffatedha. Fuulduraaf tajaajila Qoonsilaa fi kenniinsa viizaa ilaalchisuun caalaatti tumsaan hojjechuuf waliigaluusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Hawaasummaa
Mootummaan Faransaayi suphaa bataskaanota Laalibalaa dabalatee deeggarsi hojiilee misoomaa addaddaaf taasisaa jiru onnachiisaa ta’uun ibsame
Mar 28, 2024 218
Bitootessa 19 /2016 (TOI)- Mootummaan Faransaayi suphaa bataskaanota Laalibalaa dabalatee deeggarsi hojiilee misoomaa addaddaaf taasisaa jiru onnachiisaa ta’uun ibsame. Bulchaan bulchiinsa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Faransaay Reemii Maariishoo waliin misoomaa fi deeggarsa ilaalchisuun magaalaa Bahaardaaritti mari’achaa jiru. Bulchaan bulchiinsa kun maricharratti akka jedhanitti, hojiin mootummaan Faransaayi misooma tuurizimii, fayyaa fi misooma biroo deeggaruun hojjechaa jiru onnachiisaadha. Suphaa bataskaanota Laalibalaa, Hoospitaala Dasee fi hojiin qonnaa akka si’atu deeggarsa taasifame akka agarsiiftuutti eeraniiru. Deeggarsii fi tumsi namoomaa lammiilee naannichaa rakkoo uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif mootummaa Fayansaayiin taasifamaa jiru cimee akka ittifufu bulchaan bulchiinsaa kun himaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Faransaayi Reemii Maariishoo gamasaaniin, damee qonnaatiin naannichatti sanyii filatamaa dhiheessuun oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf akka deeggaran dubbataniiru. Kun ammoo dinagdee naannichaa cimsuuf akka ta’e dubbataniiru. Haala Kanaan Kanaan dura deeggarsa suphaa hambaa, fayyaa fi dameelee misooma biroon taasisaa turan bal’isuuf akka ta’e ibsaniiru.
Neetiwoorkiin Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii Itoophiyaa hundeeffame
Mar 28, 2024 81
Bitootessa 19/2016 (TOI)- Fayyadamummaa faayinaansii dubartootaa guddisuuf Neetiwoorkiin Dubartootaa Ogeeyyii Faayinaansii Itoophiyaa hundeeffame. Neetiwoorkichi walta’iinsa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatii fi Baankii Addunyaan kan hundeeffame yoo ta’u, fayyadamummaa faayinaansii guddisuu dabalatee, dubartoonni gara hoggansaatti akka dhufan kan tumsuudha jedhameera. Adeemsa guddina dinagdee Itoophiyaa keessatti dubartoonni gahee isaanii akka bahatan carraa uumuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera. Sagantaa hundeeffamaa kanarratti kan argaman bulchaan waliigalaa Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Maammoo Miratuu hirmaachisummaa Faayinaansii irratti hirmanaan dhiirootaa fi dubartoota jidduu kan wal hin madaalleedha jedhaniiru. Kanaaf tarsimoon hirmaachisummaa faayinaasii kun garaagarummaa Dhiirootaa fi dubartoota jidduu gama kanaan jiru dhiphisuuf kaayyeeffateedha jedhaniiru. Sirna faayinaanisii waaraa fi wal amantee qabu ijaaruuf baankichi sirna baankii hirmaachisaa ijaaruuf kan hojjetu ta'uus hubachiisaniiru. Dhaabbileen Faayinaansii dubartoota gara hoggansaatti fiduunis sadarkaa biyyaatti hirmataa fi fayyadamoo taasisuu kan dandeesisudha jedhaniiru. Neetiwoorkii Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii hundaa'uun isaa hirmaannaa dubartoonni faayinaanisii keessaatti qaban guddisuuf kan gargaaru ta'uu eeraniiru. Kaayyoon Neetiworikichaas dubartoota gama hundaan gahoomsuu fi wal qixummaa koorniyaa kan mirkaneessuu waan ta'eef baankichi deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru.
Tarkaanfiin garee shaneerratti fudhatamu cimee ittifufeera
Mar 28, 2024 58
Bitootessa 18/2016(TOI)- Tarkaanfiin garee shaneerratti fudhatamu cimee ittifufuun ibsame. Gareen Shanee Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa ganda Daallee Daakin dabalatee gandoota addaddaatti nageenya hawaasaa jeeqaa turerratti raayyaan ittisaa qxanichatti argamu tarkaanfii barbaachisu fudhachuusaa ibseera. Raayyaan ittisaa qaamolee nageenyaa kanneen biroo waliin ta’uun garee shororkeessaa shaneerratti tarkaanfii fudhateen hidhataa garee shanee faayidaa ala ta’eera. Yeroo addaddaatti yaanni nageenyaa wayita dhihaatuuf fudhachuuf kan mamuu fiummata dirqisiisee kan saamu gareen shanee tarkaanfii raayyaa ittisaan irratti fudhatamaa jiru dura dhaabbachuu dadhabee bittinaa’aa akka jiru ibsameera. Guyyaa har’aa qofa godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa Daallee Daakinii fi naannawasaatti tarkaanfii raayyaan ittisaa fudhateen hidhattoonni 12 booji’amanii lama kan ajjeefaman yoo ta’u kilaashiin 8, Bireeniin 2 fi meeshaaleen boodatti hafoo 3 booji’amuusaa beeksiseera. Duulli garee shororkeessaarratti fudhatamu ittifufuusaa hoogganaan raayyaa naannawatti argamu ibsuusaanii odeeffannoon raayyaa ittisaarraa argame nimul’isa.
Finfinneetti buufannii Fayyaa 19 tajaajila dahumsaa baqaqsanii yaaluu kennaa jiru
Mar 27, 2024 366
Bitootessa 18/2016(TOI) - Finfinneetti bufataaleen fayyaa 19 tajaajila dahumsaa baqaqsanii yaaluu kennuun kennisa tajaajila fayyaa haadholii fi daa'iimmanii keessaatti gahee olaanaa baha jiraachuu Biiroon Fayyaa bulchiinsa magaalichaa beeksise. Du'aa haadjolii fi daa'immanii hir'isuu keessatti haalli rakkoo fayyaa walxaxaa ta'ee yeroo haadholii mudatu lubbuu isaanii baraaruuf tajaajilli dahumsaa baqaqsanii yaaluu filatamaadha. Ta'uus garuu waggoota dheeraaf tajaajilli kun kan kennamu sadarkaa hospitaalaatti ta'uu isaan hospitaalota irratti dhiibbaan akka baay'atu fi haadholii irraanis dhaamaatii hedduu geesisaa tureera. Magaalaa Finfinneetti rakkoo kana furuuf buufataalee fayyaa dhiheenya Hospitaalootaatti argaman sadarkaa hospitaalotaatti qindeesuun tajaajila kana kennuu akka eegalan taasifamuu Biiroo Fayyaa magaalichaatti daarektarri fayyaa Haadholii fi Daa'immanii Sinidduu Makuriyaa TOI'tti himaniiru. Kanaanis buufataalee fayyaatti tajaajilli dahumsaa baqaqsanii yaaluu bara 2010 irraa eegaluun kennamaa jirachuu eeranii; yeroo ammaa magaalichaatti bufataaleen fayyaa 19 tajaajila kana kennaa jirachuu himaniiru. Gara fuula duraattis buufatalee fayyaa ammayyeessuun tajaajiloota yaala fayyaa biroo Hospitaaloonni kennaan dabalataan akka kennan xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru. Buufataaleen fayyaa hanga ammaatti tajaajila dahumsaa baqasanii yaaluu kennuu jalqaban kunneen dhiibbaa gama kanaan hospitalootarra gahaa ture hiri'isuun cinaatti, tajaajila fayyaa haadholii eeguu keessaattis gahee olaanaa bahachaa jiru jedhaniiru.
Diinagdee
Hojiiwwan misoomaa jireenya jiraattota magaalaa Finfinnee egereef fayyadamaa taasisan cimanii ittifufu-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 28, 2024 203
Bitootessa 19/2016(TOI)- Hojiiwwan misoomaa jireenya jiraattota magaalaa Finfinnee egereef fayyadamaa taasisan cimanii akka ittifufan Kantiibaan magaalattii Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech kanneen misoomaaf jecha bakkaa ka’an, dadhabootaa fi kanneen biyyaaf oolmaa oolaniif kutaa magaalaa Nifaas silk Laaftootti ijaarsa manaaf dhagaa bu’uraa kaa’aniiru. Ijaarsi kun rakkoo mana jireenyaa namoota hedduu akka furuu fi jireenya lammiilee jireenya gadaanaarra jiranii fooyyessuuf kan dandeessisudha jedhan. Gamoowwan ijaaraman sadii baasiinsaa guutummaatti dureeyyota tola ooltotaan ta’uu fi guyyoota 90 keessatti akka xumuramu ibsaniiru. Qonni magaalaa. Dhaalli leemataa, ijaarsi manaa fi pirojektoonni namarratti xiyyeeffatan biroon hojjetamaa akka jiran kantiibaa Adaanech dubbataniiru. Fuulduras hojiiwwan misoomaa jiraattota magaalattii egereef fayyadamoo taasisan hojjechuun yaalii qindaa’aa mootummaa fi dureeyyii ittifufa jedhaniiru. Dureeyyiin tola ooltotaa gamasaaniin, hojiilee misoomaa namarratti xiyyeeffatan kan Finfinneetti hojjetamaa jiranirratti hirmaannaasaanii akka ittifufan dubbataniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee dabalatee hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee,dureeyyii fi keessummoonni afeeraman saganticharratti argamaniiru.
Misoomni kooriidaraa Finfinnee misooma magaalaarra darbee lammiilee balaa ibiddaa fi tasaaf saaxilamoo ta’an kan baraaredha
Mar 28, 2024 35
Bitootessa 19/2016(TOI) - Misoomni kooriidaraa Finfinnee misooma magaalaarra darbee lammiilee balaa ibiddaa fi tasaaf saaxilamoo ta’an kan baraare ta’uu komishiniin hooggansa hojii yaaddoo ibiddaa fi balaa tasaa ibse. Komishinichi balaawwan uumamaa fi namtolchee dursee ittisuu fi yoo mudates deebii hatattamaa kennuuf itti gaafatamni kennameeraaf. Komishinichatti ittaanaa komishinariin damee hir’isa yaaddoo balaa Yikfelew Waldamasqal, balaawwan ibiddaa, konkolaataa, ijaarsi jiguu, sigiggoon lafaa fi lolaan finfinneetti kan mudatan ta’uu eeraniiru. Kanaaf ammoo ijaarsi manneenii walitti hiiquu, dhiphinni daandii, shiboon elektiriikii walirra aanuu fi ujummoowwan dhangala’aa dabarsan cufamuun akka sababaatti eeramu jedhan. Baatiiwwan jahan bara bajataa 2016 balaawwan addaddaa Finfinneetti qaqqabaniin lubbuun namoota 31 darbuu fi qabeenyi birrii miiliyoona 467tti tilmaamamu barbadaa’uu eeraniiru. Misoomni kooriidara daandii Finfinneetti hojjetamaa jiru misooma magaalaarra darbee lammiilee ibiddaa fi balaa tasaaf saaxilamoo ta’an rakkoorraa kan oolche ta’uu ibsaniiru. Hojiin kooriidaraa fi deebisanii ijaaruu Finfinnee kan miidhagsu ta’uu dubbataniiru. Sagantaan misooma kooriidaraa manneen pilaaniin akka ijaaraman, daandiin akka bal’atu, toora ibsaa ammayyaa diriirsuu fi ujummoowwwan dhangala’aa qulqullinaan akka hojjetaman taasisa jedhan. Iddoowwan hedduun ibidda, lolaa, muddama tiraafikaa fi balaawwan biroorraa kan baraare ta’uu eeraniiru. Misoomni kooriidaraa hojii guddummaa magaalaa Finfinnee madaalu hojjechuu fi jiraattotaaf mijattuu taasisuuf hojii deebisanii ijaaruu jalqabame ta’uu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsuunsaanii niyaadatama.
Daandiiwwan ijaarsarra jiranii fi yeroof cufaa ta’anii fi daaddiiwwan filmaataaf ta’an ifooman
Mar 28, 2024 22
Bitootessa 19/2016(TOI)- Daandiiwwan ijaarsarra jiranii fi yeroof cufaa ta’anii fi daaddiiwwan filmaataaf ta’an ifooman Toora araatkiiloorraa amma Piyaasaatti jirurra riqichi Raasmokonnin ijaaramaa waan jiruuf, ijaarsi daandii amma xumuramutti muddamni tiraafikaa akka hinuumamne mallattoowwan tasuma dhaabuuf dhorkan dhaabamaa akka jiran ibsameera. Amma ammaatti sa’aatiin hojii ittigalamuu fi hojiidhaa bahamu hawaasni bu’aa bahiif akka hinsaaxilamne, konkolaachiftoonni daandii biraa fayyadamuun ajaja miseensota poolisii tiraafikaa fi hojjettoota to’atoo waajjira abbaa taayitichaa akka kabajan hubannoonkennamaa turuun eerameera. Haala Kanaan har’aa kaasee iddoowwan mallattoon tasuma dhaabachuu dhorkan dhaabaman, daandiin guddichi addababayii Tewoodiroos irraa gara yaadannoo injifannoo Adwaa geessuu fi daandii keessoo, naannawa yaadannoo injifannoo Adwaa akkasumas naannawa mana qopheessaa to’annaan cimaan nijalqabama jedhameera. Naannawa kanatti konkolaataa yeroof dhaabuuf kan tajaajilu sarfees paarkiingiin yaadannoo injifannoo Adwaa tajaajila kennuu waan jalqabeef konkolaachiftoonni akka filmaataatti fayyadamuu akka danda’an ibsameera. Haala Kanaan konkolaachiftoonni- * Riqicha Raasmokonninirraa gara addababayii Dagol * Araat kiiloorraa gara riqicha Raasmokonnin, filannoof Araat kiiloorraa Abaadir * Ibsaa tiraafikaa addababayii Dagolirraa gara Araatkiiloo * Kutaa magaalaa Araadaarraa addababayii Araat kiiloo * Bataskaana qulqulluu Goorgisirraa gara riqicha Raasmokonnin * Dajjaash Wubeerraa gara riqicha Raasmokonnin * Afincoo barr irraa gara riqicha Raasmokonnin * Baashaa Waldee hiloot irraa gara gara riqicha Raasmokonnin fi Qabbanaarraa Piyaassaa dhufan daandiin hojjetamaa akka jiru hubatanii daandii filmaataa biroo akka fayyadaman ibsameera. Muddama tiraafikaa naannawa kanatti mul’atu hir’isuuf, daandii filmaataaf ta’u kondomineemii Qayyi baahir irraa gara addababayii Dagol geessu har’a sa’aatii boodarraa jalqabee konkolaachiftootaaf banaa akka ta’u odeeffannoon waajjira magaalaa Finfinneerraa argame nimul’isa.
Aadde Adaanech Abeebee sababa misoomaan lammilee bakka jireenyaa isaaniirra ka'aniif kan ooluu ijaarsa mana jireenyaaf dhagaa bu'uura kaa'an
Mar 28, 2024 31
Bitootessa 19/2016(TOI) - Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee sababa misoomaan jiraatoota magaalichaa bakka jireenyaa isaaniirra ka'anii fi manguddootaaf kan ooluu ijaarsa mana jireenyaaf dhagaa bu'uuraa kaa'an. Dhagaan bu'uuraa ijaarsa manneen jireenyaa kanaas kan kaa'ame kutaa magaalaa Laaftoo naannaawwaa Labuudha jedhameera. Manneen jireenyaa kunis gamoowwaan 3 abbaa darbii shanii yoo ta'an walii galaan manneen jireenyaa 108 of keessaa kan qabanidha jedhameera. Ijaarsi gamoowwan kanneen deeggarsa abbootii qabeenyaan kan ijaaramu yoo ta'u ijaarsi isaas guyyyoota 90 keessaatti ni xumurama.
Saayinsii fi teeknooloojii
Imalli Ce’umsa Dijitaalaa erga eegalamee akka biyyatti tarkaanfiiwwan murteessoo tarkaanfanneerra
Mar 26, 2024 53
Bitootessa 17/2016 (TOI)- Imalli Ce’umsa Dijitaalaa erga eegalamee akka biyyaatti tarkaanfiiwwan murteessoo tarkaanfanneerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad. “Dijitaal Itiyoophiyaa 2025” namootaa kalaqaaf deeggarsa argamsiisuu fi imalaa dijitaalaaf haalota mijatoo uumuun diinagdee dijitaalaan akka jajjabaannu dandeettii uumeera jedhan. Guyyaa har’aas gamaaggamaa raawwii karooraa bara giddugaleessaa gaggeeeffameen hanqinaalee jiran sakatta’uun akkasumas milkaa’ina imalaa kabajuuf carraa kan uume ta’uu Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii jiddugaleessa innoveeshinii ijaarsise eebbisiise
Mar 22, 2024 263
Bitootessa 13/2016(TOI)- Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii jiddugaleessa innoveeshinii ijaarsise eebbisiise. Jiddugaleessi innoveeshinii (Inooviis Ke Itiyoophiyaa) ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii deeggarsa ejensii tumsa idil addunyaa Kooriyaan ijaarsise eebbisiiseera. Jiddugaleessichi paarkii ‘ICT’ keessatti kan ijaarame yoo ta’u, start aappotaa fi dargaggoota hojii uumtota Itiyoophiyaatti argaman hojiilee bu’ura misoomaa teeknooloojii fi innoveeshiiniin deeggaramanii hojjetan akka deeggaru ibsameera. De’eetaan ministiraa innoveeshinii fi teeknooloojii Baayyisaa Badhaadhaa haasawa waltajjicharratti taasisaniin jiddugaleessichi ijaarsa Itiyoophiyaa dijitaalaa keessatti qoodasaa akka bahu ibsaniiru. Keessumaa ogeeyyonni hojii uuman yaadota staart aappii gabbisuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Ittaanaa pirezidaantii ejensii tumsa idil addunyaa Kooriyaa(Kooyikaa) Doong Hoo Kiim gamasaaniin Kooyikaan Itiyoophiyaatti pirojektii kana keessatti hirmaachuusaa ibsaniiru. Ejensichi deeggarsi dameelee teeknooloojii fi innoveeshinii biroo keessatti taasisu cimsee akka itti fufu eeraniiru.
Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf damee dhuunfaa waliin tumsaan nihojjeta-doktar Saamu’eel Kiflee
Mar 19, 2024 94
Bitootessa 10/2016(TOI)- Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf galmoota qabaman keessaa damee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan nihojjechuun isa tokko akka ta’e pirezidaantiin eeggataa yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee ibsan. Yuunivariitichii fi gareen Faariis Teeknooloojii hojii qorannoo fi kalaqaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Pirezidaantiin eeggataa Yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee fi hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariis Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw waliigalticha mallatteessaniiru. Doktar Saamu’eel wayita kana akka jedhanitti galmoota yuunivarsiitichi tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf qabaman keessaa dameelee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan hojjechuun isa tokkodha jedhaniiru. Waliigalteen garee teeknooloojii Faariis waliin taasifame qaama tarsiimichaa ta’uu eeranii, qorannoo fi qu’annoon akkasumas kalaqarratti tumsaan nihojjeta jedhaniiru. Pirezidaantiin eeggataa kun akka jedhanitti waliigaltichi yaalii yaada kalaqaa barattootaa qabeenyatti jijjiiruuf taasifamuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariif Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw gamasaaniin Yuunivarsiitiin Finfinnee dandeetti guddaa qabu fayyadamuuf waliigaltichi carraa gaarii ta’uusaa dubbataniiru. Garuchi pirojektoota teeknooloojiin walqabatan bocee hojjechaa akka jiru eeranii, waliigaltichi bu’a qabeessummaa teeknooloojii caalaatti niguddisa jedhaniiru.
Itiyoo telekoom hammattummaa dijitaalaan dubartoota ga’oomsuuf ‘inisheetiivii Konneektid Wuumeen waliin waliigatee mallatteesse
Mar 8, 2024 173
Guraandhala 29/2016(TOI)- Itiyoo telekoom hammattummaa dijitaalaan dubartoota ga’oomsuuf ‘inisheetiivii Konneektid Wuumeen waliin waliigatee mallatteesseera. Waliigalteen kun garaagarummaa sirna –saalaa dijitaalaa dhiphisuu fi hammattummaa dijitaalaa dubartootaa guddisuu akka dandeessisu eerameera. Hojii raawwachiiftuun muummee Itiyoo telekoom Fireehiwoot Taammiruu fi hooggantoota inisheetiivichaa waliin Ispeen Baarsaloonaatti waliigalticha mallatteessuusaanii odeeffannoo Itiyoo telekoomirraa argame nimul’isa. Waliigaltichi fayyadama intarneetii moobaayilii fi tajaajila maallaqa moobaayilii karaa teeleebirrii dubartootaa akka lakkoofsa Awurooppaa amma bara 2026tti guddisuuf akka ta’ee fi tajaajila intarneetii moobaayilii fi faayinaansii dijitaalaa hammataa dhiheessuuf kan xiyyeeffate dha. Adde Fireehiywoot akka jedhanitti kaampaanichi hanqina sirna saalaa dijitaalaa amma mul’atu dhiphisuuf tajaajilootaintarneetii moobaayilii fi faayinaanshaalii moobaayilii dubartootaan gahuuf dubartoonni dinagdee dijitaalaa keessatti hirmaattotaa fi fayyadamooakka ta’an kutannoon hojjechaa akka jiru ibsameera.
Ispoortii
Ijaarsi boqonnaa 2ffaa Istaadiyeemii 'Adey Ababa' eegalamuufi
Mar 24, 2024 92
Bitootessa 15/2016(TOI) - Ijaarsi boqonnaa 2ffaa Istaadiyeemii biyyaalessaa 'Adey Ababa' yeroo dhiwootti akka eegalamu Ministeerri Aadaafi Ispoortii beeksise. Ijaarsi isaa bara 2008 kan eegalame yoo ta'u %50 goolabamuun bara 2012 ijaarsi boqonnaa 2ffaa eegalamuuf karoorfamus, rakkoo sirna kaffaltiin wal qabatuun harkifachuu himameera. Istaadiyeemichi namoota kuma 62 teessoon kan qabata.
Itiyoophiyaan dorgommii Atileetiksii guutuu Afriikaa sadarkaa lammaffaan xumurte
Mar 23, 2024 134
Bitootessa 14/2016(TOI)- Itiyoophiyaan dorgommii Atileetiksii guutuu Afriikaa meedaaliyaa 18’n Naayijeeriyaatti aanuun sadarkaa lammaffaan xumurteetti. Dorgommiin atileetiksii guutuu Afriikaa 13ffaa Gaanaa Yuunivarsiitii Akraatti taasifamaa ture xumurameera. Dorgommii Kanaan Itiyoophiyaan dhiira 47, dubartoota 40 walumaagala atileetota 87’n bakka bu’uun Warqee 7, meetii 7 fi Naasa 4 walumaa gala meedaaliyaa 18 argatteetti.. Biyyoota Afriikaa 50 irraa atileetonni 640 dorgommii kanarratti hirmaachuusaanii odeeffannoon federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa nimul’isa.
Itiyoophiyaan dorgommii meetira kuma 5 fi kuma kuma 1 fi 500’n Warqee 6ffaa fi 7ffaa argatte
Mar 23, 2024 91
Bitootessa 14/2016(TOI)-Taphoota guutuu Afriikaa 13ffaa Gaanaatti taasifamaa jiruun Itiyoophiyaan dorgommii meetira kuma 5 dhiirotaa fi kuma 1 fi 500 dubartootaan Warqee 6ffaa fi 7ffaa argatteetti. Meetira kuma 5 xumuraa dhiirotaan atileet Hagos Gabrahiwoot Itiyoophiyaaf Warqee argamsiiseera. Atileet Hiruut Mashashaa dorgommii dubartootaa meetira kuma 1 fi 500’n meedaaliyaa Warqee argamsiifteetti. Atileet Hawwii Abarraas meedaaliyaa meetii Itiyoophiyaaf argamsiifteetti. Atileet Ermiyaas Girmaa dorgommii dhiirotaa meetira kuma 1 fi 500 xumuraan meedaaliyaa meetii argamsiiseera.
Itiyoophiyaan meetira kuma 10 dubartootaan meedaaliyaa Meetii fi Naasaa mo’atte
Mar 22, 2024 100
Bitootessa 13/2016(TOI)-Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii Fiigicha meetira kuma 10niin meedaaliyaa Meetii fi Naasaa mo’atteetti. Taphoota guutuu Afriikaa 13ffaa fageenya Kanaan Wudde Kaffaalee lammaffaa Tikkee Amaaree ammoo 3ffaa bahuunshee beekameera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Magaalichaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuun miliyoonni 15 ol qophaa'eera
Mar 28, 2024 22
Bitootessa 19/2016(TOI)- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf kan oolu biqiltuun miliyoonni 15 qophaa'uu Biiroon miidhagnaa fi misooma magariisaa magaalichaa beeksise. Bara kana yeroo 6ffaaf kan geggeeffamu sagantaa ashaaraa magariisaa sadarkaa biyyaatti qophiin taasifamaa jira. Bulchiinsa magaalaa Finfinneettis sagantaa kanaaf qophiin guddaan taasifamaa jirachuu Biiroon Miidhagnaa fi misooma magariisaa magaalichaa beeksiseera. Biirichaatti dursaan garee dhiheesii galteewwanii buufataalee biqiltuu Geetinnat Adimaasuu maagalichatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf kan oolaan biqltoonni gosa garaagara buufatalee biqiltuu sagalitti qophaa'aa jiraachuu beeksisaniiru. Haaluma kanaan buufataalee kanneenitti biqiltuun miliyoonni 15 qopha'uu himaniiru.
Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin eegumsa naannoo saayinsaawaa ta’e cimuu qaba
Mar 20, 2024 87
Bitootessa 11/2016(TOI)- Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin eegumsa naannawaa fieegumsa qabeenya uumamaa saayinsaawaan cimuuakka qabu qorataan damichaa doktar Mangistuu Wubee ibsan. Doktar Mangistuu Wubee biyya keessaa fi biyyoota addaddaatti barsiisuu fi damee qonnaatiin qorannaa kan taasisan, wabii nyaataarratti qorannoo hedduu kan taasisanii fi kitaabota nama barreessanidha. Eegumsa naannoo fi dhimmoota walfakkaatoo ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisan qorataan kun, Itiyoophiyaan sirna misooma ikoo heddumminaa fi lubbeeyyii heddumminaatiin qaxanicha sooruu akka dandeessu akka dandeessuu kaasaniiru. Gama Kanaan hojiileen misoomaa waggoota darban gama eegumsa biyyaa fi bishaanii akkasumas sagantaa ashaaraa magariisaatiin raawwatamanfaayidaa olaanaa akka qaban ibsaniiru. Hojiileen misoomaa kunneen karaa saayinsaawaa fi ittifufiinsa qabuun yoo hinraawwatamne bu’aa barbaadamu fiduun waan hindanda’amneef hojiileen eegumsa naannawaa fi qabeenya uumamaa bifa Kanaan cimuu qabu jedhaniiru. Sirna barnootaa keessatti barumsa idileen duraarraa kaasee waa’ee eegumsa naannoo barsiisuun akka barbaachisuu fi qoonni dhaabbilee bu’ura beekumsa biyya keessaa gabbachuu qaba jedhan. Hojii eegumsa qabeenya uumamaa egereef imaammanni eegumsaa fi ittifayyadama lafaa murteessaa ta’uu eeranii, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda olaanaa qau jedhaniiru. Gara jabinni dhalli namaa qabeenya uumamaarraan gahe isumarratti rakkoolee hedduu uumuusaa kaasaniiru. Jijjiiramni haala qilleensaa danqaan wabii nyaataarratti geessise qolachuuf misoomsuun akka jirutti ta’ee, tarsiimoo dhiibbaa damdamachuu danda’u hordofuun akka barbaachisu dubbataniiru. Gama Kanaan sagantaaleen misooma Qamadii fi dhaala leemataa mootummaan xiyyeeffannoo addaan raawwachaa jiru abdii guddaa kan kennudha jedhaniiru qorataan kun. Sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 25 akka dhaabaman ibsameera. Sagantaan ashaaraa magariisaa qaama yaalii Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf taasiftuu ta’uunsaas nibeekama.
Naannoo Gaambeellaatti misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiilee misooma sululaa cimsuun nibarbaachisa-obbo Gabramasqal Caalaa
Mar 20, 2024 97
Bitootessa 11/2016(TOI)- Naannoo Gaambeellaatti misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiilee misooma sululaa cimsuun akka barbaachisu ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa obbo Gabramasqal Caalaa ibsan. Sagantaan sosochii naannichatti misooma sululaa cimsuu dandeessisu hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo bakka argamanitti naannicha godina Anyiwaak aanaa Abaabootti adeemsifameera. Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa fi qindeessaan garee supparviijinii federaalaa obbo Gabramasqal Caalaa wayita kana hojiileen misooma sululaa naannichatti hojeeffamaa akka jirudaawwannaa taasifameen mirkaneessuun akka danda’ame dubbataniiru. Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii qooda olaanaa akka qabaatu eeranii, damee kana cimsuuf hundi xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhaniiru. Bulchaan bulchiinsa naannoo Gaambeellaa obbo Umod Ujuluu gamasaaniin, hojiin qabeenya uumamaa naannichaa eeguu fi kunuunsuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf hojjetamu xiyyeeffannoon kennameeraf. Misoomni sululaa faayidaa misooma qonnaaf qabuun alatti iddoowwan dhiqaman gara qabiyyeesaanii duraatti deebisuu fi qabeenya bishaanii gabbisuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu dubbataniiru. Kanaaf sagantaa Kanaan hojiilaa misooma sululaa jalqabaman bu’a qabeessa taasisuuf hawaasa hirmaachisuun akka hojjetamu ibsaniiru. Hojiilee misooma sululaa waggoota darban hojjetamaniin iddoowwan miidhaan irra gahe qabiyyeesaanii duraatti deebi’uusaanii kan dubbatan ammoo ittigaafatamaa biiroo qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa obbo Ujuluu Luwaal dha. Baatii bonaa baranaatiin lafa heektaara kuma 40 irratti hojiin eegumsa bishaanii fi biyyoo akka hojjetamu ibsaniiru. Sagantaan sosochii misooma sululaa kaleessa jalqabamee fi kutaaleen hawaasaa kuma 45 irratti hirmaatan baatii tokkoof akka ittifufu beeksisaniiru. Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa obbo Gabramasqal Caalaa fi bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Umood Ujuluu dabalatee hooggantoonno olaanoo federaalaa fi naannoo sagantaa sosochii kanarratti argamaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatan fi nageenyi hidhaawwanii akka eegamu qooda olaanaa bahaa jira
Mar 16, 2024 134
Bitootessa 07/2016(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatan fi nageenyi hidhaawwanii akka eegamu qooda olaanaa bahaa jakka jiru ministirri bishaanii fi inarjii doktar injiinar Haabtaamuu Ittafaa ibsan. Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lamaan biqiltuuwwan biiliyoona 50 dhaabuuf karoorsitee hojjechaa kan jirtu yoo ta’u bara 2011 irraa kaasee biqiltuuwwan biiliyoona 32 tuqaa 5 dhaabamaniiru. Ministirri bishaanii fi inarjii doktar injiinar Haabtaamuu Ittafaa akka ibsanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa burqaaleen sababa jijjiirama haala qilleensaatiin goganii ture akka gabbatan gumaacha olaanaa taasisaa jira. Ammi bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka dabalu qooda olaanaa bahaa jiraachuun olitti dhiqama biyyoo ittisuun hidhaawwan dalaliin akka hinguutamne taasisuusaa kaasaniiru. Gama biraatiin sagantaan ashaaraa magariisaa balaa ongee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin uumamaa jiru ittisuuf gargaaraa jira jedhaniiru. Haata’u malee balaawwan ongee naannawoota biyyattii addaddaatti mudatan damdamachuuf mootummaan pirojektoota addaddaa hojeessuu jalqabuusaa dubbataniiru. Aanaalee biyyattii 80 ol keessatti pirojektoonni bishaan lafa keessaa fi lafarraa ijaaramuusaanii ibsaniiru. Kana malees mootummaan bishaan dhugaatii qulqulluu lammiileen gahuuf kutannoon hojjechaa akka jiru eeranii, pirojektoonni duubatti harkifatan akka xumuraman xiyyeeffannoo addaa kennuusaa himaniiru.
Gabaasa addaa
''Magaalichaatti balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'ameera''
Mar 26, 2024 219
Bitootessa 17/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ji'oota jahan darban balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'amuu Komishiniin bulchiinsa sodaa balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Komishinichatti itti aanaan komishinaraa damee balaa hir'isuu Yikifawuu Waladamsqal TOI'tti akka himaniitti; balaa ibiddaa, balaa yeroo ijaarsaa mudatu, sigigaachuu lafaa fi balaan lolaa irra deddebiin magaalichaatti yeroo baay'ee kan uumamaan ta'uu himaniiru. Magaalichatti ji'oota jahan darban balaan Ibiddaa fi balaan tasaa 239 mudachuu eeranii; hojii ittisuu Komishiinichi hojjeteen qabeenya birrii biliyoona 7'tti tilmaamamu balaa mancaatiirra baraaruun danda'amuu himaniiru. Balaawwaan mudatan kanaan qabeenyi birri miliyoona 467'tti dhihaatu mancaa'uu himanii; balaa ibiddaan ala balaawwaan biroo mudataniin lubbuun namoota 31 darbuus eeraniiru. Komishiinichi waan balaa durasanii ittisuu fi balaan erga mudatee qolachuu irratti xiyyeeffatee hojjeteef malee kanaa ol miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namarran gahuu danda'u jedhaniiru. Guddinaa fi baay'ina uummataa magaalichaa hordofee balaawwaan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf adeemsa tekinolojiiwwan deeggarame diriirsuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjetama turuu himaniiru. Kanaanis jiddugala eeruu balaa gara dijitaalaatti jijjiruun danda'uu himanii, kunis eeruu sobaa kanaan dura turan hambisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahedha jedhaniiru. Jiddugalicha dameewwan isaa salganuu waliin kaameeraa CCTV'n wal qunnamsiisuun sochiiwwan isaanii walii galaa to'achuuf adeemsi dandeesisuu uumameera jedhaniiru. Hojii riifoormii taasifameen baay'ina jiddugalawwan isaa babal'isuu, naannawwaa hojii mijataa uumuu, lakkoofsa konkolaatoota yeroo balaan mudatan dhimma itti bahanii dabaluu fi hojiin biroon hojjetamuu himaniiru.
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 1627
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.