ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Ruwaandaa Jeen Chaarlis Kaaraambaan waliin mari’atan
Mar 29, 2024 4
Bitootessa 20/2016 (TOI)- Ministirri dhimma alaa ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Ruwaandaa Jeen Chaarlis Kaaraambaan waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisaniiru. Mariin taasisanis dhimmoota biyyoota lamaanii, qaxanaa fi biyyoonni lamaan Kanaan dura tumsaan hojjetan caalaatti cimsuun haala danda’amurratti kanbxiyyeeffate ta’uun ibsameera. Ruwaandaan bakka embaasiin Itiyoophiyaa itti hojjetamu kennuunshee cimina hariiroo biyyoota lamaaniif agarsiiftuu ta’uun eerameera. Qaamonni lamaan fuuldura obbolummaa magaalota Finfinnee fi Kiigaalii jidduu jiru haala caalaa cimurratti mari’achuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa nimul’isa.
Yaaliin Itiyoophiyaan dirree faayinaansii hunda hammataa uumuuf taasisaa jirtu jajjabeessaadha- baankii addunyaa
Mar 29, 2024 5
Bitootessa 20/2016(TOI)- Yaaliin Itiyoophiyaan dirree faayinaansii hunda hammataa uumuuf taasisaa jirtu jajjabeessaa ta’uu baankii addunyaatti dursaan garee qorannoo gabbisa sirna saalaa Afriikaa Maayikil Sulvaan dubbatan. Dursaan garee qorannoo Maayikil Sulvaan TOItti akka himanitti, Itiyoophiyaa dabalatee hammattummaa dirree faayinaansii Afriikaarratti hanqina guddaatu jira. Hammattummaa faayinaansii Itiyoophiyaa guddisuun yoo danda’ame akka biyyaatti wagga waggaan doolaara biiliyoona 3 tuqaa 7 olguddina dabalataa milkeessuun akka danda’amu ibsaniiru. Sirni faayinaansii hammataa mirkanaa’uun guddina oomishaa waliigalaarratti qooda olaanaa akka qabaatu eeaniiru. Qaqqabummaa faayinaansii mirkaneessuuf qooda dubartootaa dinagdee keessa jiru guddisuu barbaachisa jedhan. Hammattummaan faayinaansii guddina galii tokkoon tokkoon namaarratti akka galmeessisu deeggaruurra darbee badhaadhina egereef akka barbaachisu eeraniiru. Baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa dirree faayinaansii hammataa uumuuf tarsiimoo faayinaansii hammataa bocuun yaalii taasisaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa sosochii eegumsa naannoo biyyaalessaa jalqabsiisan
Mar 29, 2024 11
Bitootessa 20/2016(TOI)- Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa sosochii eegumsa naannoo biyyaalessaa har’a Finfinneetti jalqabsiisan. Sosochiin kun mata duree “faalamni haagahu miidhaginni haadammaqu” jedhuun baatii jaaha itti aanuuf akka adeemsifamu ibsameera. Bulchitoonni bulchiinsa naannoo, hooggantoonni biiroo eegumsa naannoo naannolee fi bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa sagantaa jalqabsiisaa kanarratti argamaniiru. Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa wayita kana akka ibsanitti, Itiyophiyaan hojii eegumsa naannoo cimaa taasisaa jirti. Haala Kanaan sagantaa ashaaraa magariisaa dabalatee misooma qarqara lagaa, magaalota miidhagaa fi qulqulluu taasisuuf hojii hedduu hojjechaa akka jirtu dubbataniiru. Sosochiin eegumsa naannoo biyyaalessaa har’a jalqabame faalama naannawaa ittisuuf akka hojjetamu ibsanii, yaaliiwwan gama Kanaan jalqabaman nicimsa jedhan. Sosochiin kun magaalonni balfa gatan sirna akka hordofe taasisuuf magaalaa miidhagduu fi mijooftuu ijaaruuf kan akeekame ta’uu himameera. Sosochiin kun faalama sagalee ittisuufis akka hojjeti dubbataniiru. Faalama qilleensaa, Bishaanii, biyyoo fi sagalee hir’isuuf hawaasa hirmaachisuun xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisus ittaanaa ministira muummee hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan walittihidhamiinsa anniisaa qaxanichatti jalqabde cimsitee ittifufti
Mar 29, 2024 10
Bitootessa 20/2016(TOI)- Itiyoophiyaan walittihidhamiinsa anniisaa qaxanichatti jalqabde cimsitee akka ittifuftu humni elektiriikii Itiyoophiyaa ibse. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Injiinar Ashabbir Baalchaa TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan humna elektiriikii biyyoota ollaaf dhiheessaa jirtu caalaa bal’isuuf hojjechaa jirti. Itiyoophiyaan humna ibsaa gabaa biyya alaa Sudaan, Jibutii fi Keeniyaaf amma dhiheessaa jirtu amma Afriikaa Kibbaatti dhiheessuuf akka karoorfame dubbataniiru. Dhiheenyatti Taanzaaniyaaf dhiheessuuf waliigalamuu eeranii, biyyoonni ollaa biroos fakkeenyaaf Sudaan Kibbaa, Ugaandaa fi Ruwaandaan humna ibsaa Itiyoophiyaarraa fudhachuuf fedhii akka qaban dubbataniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin dubbachaa akka jirtu ibsanii, Fuulduras walittihidhamiinsa anniisaa qaxanichatti jalqabde cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaatti hanni bu’ura misoomaa elektiriikii baay’achaa akka dhufe eeranii, kana ittisuuf tumsa hawaasaa barbaachisa jedhan. Hanni kun dhaabbilee tajaajiloota addaddaa humna ibsaan kennanirratti gufuu guddaa akka uumu eeranii, kun ammoo biyya miidhaa akka jiru dubbataniiru. Karaa caasaalee aanaarraa amma gandaatti jiraniin rakkoo kana furuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Haala Kanaan hawaasni hirmaannaasaa guddisuuf dhiheenyatti miidiyaalee waliin hojiilee hubannoo uumuu akka jalqabamu eeraniiru.
Qondaaltonni poolisii Itiyoophiyaa olaanoo nagaagaa kabachiisuuf Sudaan Kibbaa dhaqan gaggeeffaman
Mar 29, 2024 30
Bitootessa 20/2016(TOI)- Qondaaltonni poolisii federaalaa Itiyoophiyaa olaanoo ergama nagaagaa kabachiisuu dhaabbata mootummoota gamtoomaniif Sudaan Kibbaa dhaqan gaggeeffamaniiru. Komishinar jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el sirna gaggeessaa kanarratti qondaaltota poolisiif ergaa dabarsaniin raayyaan poolisii Itiyoophiyaa naamusaa fi dandeettii loltummaan dhaabbilee idil addunyaa biratti barbaadamaa fi filatamaa ta’aa akka dhufe ibsaniiru. Kutaalee hawaasaa fi qondaaltota poolisii biyyoota garagaraa argataniif sadarkaa naamusaa fi ogummaa poolisii poolisiin Itiyoophiyaa amma irra gahe agarsiisuu akka qaban dubbataniiru. Hirmaannaan idil addunyaa cimee akka ittifufuu fi miseensota raayyaa poolisii carraa kana osoo hin argatiin sooramaan gaggeeffaman fuuldura hirmaachisuuf akka hojjetamu eeraniiru. Imaltoota nagaa kabachiisuuf deeman ergamnisaanii akka milkaa’u hawwaniiru. Ittigaafatamaan jiddugaleessa nagaa kabachiisaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komaandar Tagany Aggaj bobbaatiin nagaa kabachiisaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii addaan cite akka ture kaasanii komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el fi maanejimantiinsaanii yaalii cimaa taasisanii jalqabsiisuusaaniif galata qabu jedhan. Hooggantoonni poolisii federaalaa fi naannolee yeroo addaddaa Sudaan, Sudaan kibbaa fi bulchiinsota Abiyyee fi Haayitiitti bobba’an dirqama kennameef ga’umsaan bahachuun biyyaa fi dhaabbatasaanii beeksisuusaanii dubbataniiru. Hooggantoonni poolisii olaanoo nagaa kabachiisuuf bobba’an biyya dhaqanitti aadaa fi duudhaa kutaalee hawaasaa eegumsa isaan barbaachisuu kabajuun akkuma Kanaan duraa maqaa biyyaa fi dhaabbata keenyaa olka’ee akka kaafamu gochuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Baay’inni dubartoota hirmaattoaa amma ammaatti kan ture kan caaluu fi hooggantoonni dubartootaa 11 kan hirmaatan ta’uun akka adda isa taasisuu fi cimee akka ittifufu ibsamuusaa odeeffannoon poolisii federaalaarraa argame nimul’isa.
Siyaasa

Paartichi qormaataa fi dhiibbaa isa mudatan ciminaan darbuun injifannoo hawaasummaa fi dinagdee galmeessisaa jira- obbo Shimallis Abdiisaa
Mar 29, 2024 56
Bitootessa 20/2016(TOI)- Paartiin badhaadhinaa naannoo Oromiyaatti qormaataa fi dhiibbaa isa mudatan ciminaan darbuun injifannoo hawaasummaa fi dinagdee galmeessisaa akka jiru miseensi hojii raawwachiisaa paartichaa fi pirezidaantiin nannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan. Konfaransiin paartichaa mata duree “ jechi hojiidhaan badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Adaamaatti taa’amaa jira. Obbo Shimallis Abdiisaa wayita kana akka jedhanitti, paartichi waggoota darban hojii bu’uuraa cabiinsa dinagdee fayyisuun itti danda’ame hojjeteera. Biyyittiin rakkoo keessa jirtu keessaa akka baatu paartichi humna guutuun hojjechuun gama siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdeen injifannoo galmeessisaa jira jedhaniiru. Qormaataa fi dhiibbaan osoo abdii hinkutatiin ummataa fi miseena guutuu walittiqabuun injifannoo galmeessifneerra kan jedhan obbo Shimallis, konfaransichi rakkoolee jiran adda baasuun kallatti fuulduraa nikaa’a jedhan. Waggoota lamaa fi walakkaa dhufan karoora misooma hawaasummaa fi dinagdee adda baasuun qulqullinaa fi hatattamaan raawwachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojmaata badaa, hannaa fi gochoota seeraan alaa sirreessuu fi sirna qabachiisuun imala badhaadhimaa waloomaan milkeessuuf tumsi akka taasifamu ibsaniiru. Miseensii fi hooggansi humna guutuun ummata naannichaa hunda sochoosuun injifannoo caaluuf tumsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Paartii badhaadhinaatti ittigaafatamaan waajjira damee naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa gamasaaniin paartichi aantummaa ummataan guutamee injifannoo guddaa galmeessisaa akka jiru dubbataniiru. Paartichi maalummaa seenessa waloo biyyaalessaa fi tokkummaa sabdaneessummaa irratti bu’uureffate ijaaruuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Keessumaa kallattiiwwan yaa’ii dhaabbatichaa jalqabaarratti kaa’aman irratti bu’uureffachuun dagantaa fooyyessa dinagdee biyya keessaa hojeeffamuu yaadachiisaniiru. Haala Kanaan nyaataan ofdanda’uuf, oomishoonni qonnaa fi industirii qulqullinaa fi baay’inaan oomishuun oomishoota alaa galan bakka buusuuf hojjetamaa jira jedhan. Fuulduras nageenya cimsuu, misooma hawaasummaa fi dinagdee cimsuun ittifufsiisuurra darbee finxaalessummaa dhabamsiisuuf ciminaan nihojjetama jechuun ibsaniiru. Konfransichi milkaa’inoota waggoota lamaan darban gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan argaman ittifufsiisuuf kallattiin kan itti kaa’amu akka ta’e obbo Fiqaaduun eeraniiru.
Paartiin badhaadhinaa tumsa tarsiimawaa paartii koministii Chaayinaa waliin qabu itti fufa-obbo Addisuu Araggaa
Mar 29, 2024 44
Bitootessa 20/2016(TOI)- Paartiin badhaadhinaa tumsa tarsiimawaa paartii koministii Chaayinaa waliin qabu cimsee itti fufa jedhan ittigaafatamaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa obbo Addisuu Araggaa. Jilli hooggantoota olaanoo paartii badhaadhinaa sadarkaa addaddaarra jiranii kan obbo Addisuu Araggaan durfamu Chaayinaa Beejiing dhaqeera. Daawwannicha ilaalchisuun obbo Addisuun akka ibsanitti, paariin koministii Chaayinaa fi paartiin badhaadhinaa tumsa tarsiimawaa fi michooma caalaatti cimsuuf haala danda’amurratti hooggantoota paartichaa addaddaa waliin nimari’atama. Ijaarsa paartii, sosochii ummataan misooms egeree mirkaneessuu, dhimmoota ummataa fi idil addunyaarratti waljijjiirraan muuxannoon akka taasifamu ibsaniiru. Akkaataa sagantaa qabameen hooggantoonni paartii koministii Chaayinaa garee kanaaf ibsa kennaa jira. Tarkaanfiiwwan Badhaadhina Chaaynaa mirkaneessuuf fudhataman, karaan eenyummaa daneessaa osoo waliin hinmakiin guddina dhugoomsuuf deemame, qajeelfamni dippilomaasii dhimma keessa biyyootaa seenuu dhiisuu bu’aan argisiise ibsa nitaasifama.
Sadarkaa naannoo Oromiyaatti konfransiin paartii badhaadhinaa Adaamaatti taa’amaa jira
Mar 29, 2024 30
Bitootessa 20/2016(TOI)- Sadarkaa naannoo Oromiyaatti mata duree “jecha hojiidhaan badhaadhina Itiyoophiyaaf” jedhuun konfransiin paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti jalqabame. Miseensi hojii raawwachiisaa paartichaa fi pirezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis dabalatee hooggantoonni olaanoo naannichaa, miseensonni paarticharraa bakka bu’anii fi bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa addaddaakonfaransicharratti hirmaachaa jiru.
Doktar Abiy Ahimad dubartoota naannolee biyyattii garaagaraarraa walitti dhufan waliin mari’atan
Mar 28, 2024 253
Bitootessa 19/2016 (TOI) - Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiy Ahimad dubartoota naannoolee biyyattii garaagaraarraa walitti dhufan waliin mari’ataniiru. Ministirri Muummee FDRI dokatar Abiy Ahimad karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin, hawaasa keessaatti gaheen dubartoota bakka olaanaa kan qabu ta’uu ibsanii, guyyaa har’aas dubartootaa naannoolee biyyattiirraa dhufan waliin kan mari’atanii fi yaada isaanii dhaggeeffachuu himaniiru.
Itoophiyaan qaxanichaatti fayidaan waloo akka mirkanaa'uuf hojiiwwan milkaa'oo hedduu hojjeteetti
Mar 28, 2024 64
Bitootessa 19/2016(TOI) - Itoophiyaan erga jijjirmaa as qaxanichaatti fayidaa waloo mirkaneesuuf hojii bu'a qabeessa ta'an hedduu hojjechuu ogeessii seeraa, saayinsii nageenyaa fi misoomaa doktar Roobaa Pheexiroos beeksisan. Marii paanaalii Tajaajilli Oduu Itoophiyaa Ministeera Nageenyaa fi Humna Elektirikii Itoophiyaa waliin ta'uun mata duree ''Nageenya qaxanaa fi walooma walitti dhufeenya dinagdee waaraaf'' jedhuun qopheesse geggeeffameera. Marii paanaalii kanarratti miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa, Ministira nageenyaa Binnaalif Andu'aaleem, Hoji geggeessaa olaanaa humna Elektirikii Itoophiyaa injinar Ashabbir Baalchaa, Deetaa ministira daldalaa fi walitti dhufeenya naannawwaa Fisahaa Yittaaggazuu, deetaa ministira nageenyaa doktar Kayiradiin Tazarraa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa biroo fi keessuummoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru. Hayyuu seeraa, saayinsii nageenyaa fi misoomaa kan ta'an doktar Roobaa Pheexiroos bareeffamaa mariif ta'uu mata duree ''Walitti hidhaminsa qaxanaa fi fayyadamummaa waloo uummatootaa '' jedhuun dhiheessaniiru. Ibsa isaaniin Itoophiyaan erga jijjiramaa as fayidaan waloo qaxanichaa akka mirkaanaa'uuf hojiiwwan bu'a qabeessa ta'an hedduu hojjeteetti jedhaniiru. Qaxaanaan gaanfa Afrikaa yaaddoo fi abdii jiru walqixa kan keessuummeessan ta'uu eeranii; kana hubachuun Itoophiyaan qajeeltoo waliin misoomuu bu'uura godhachuun hojii misoomaa fayidaa waloo irratti xiyyeeffatan hedduu hojjechaa jirti jedhaniiru. Qaxanichatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa uumuuf hirmaanaan Itoophiyaa olaanaa ta'uu himaniiru. Insheetivii Gaanfa Afrikaa akkasuma ashaaraa magariisaan naannawwicha walitti hidhuuf hojii hojjetameen bu'aan guddaan argamuu eeraniiru. Walitti dhufeenya daldalaa gama daldalaan, bu'uuraalee misoomaan, Geejibaan fi misooma humna Elektirikiin hojiiwwaan qaxanichaatti Itoophiyaan qabatamaan hojechaa jirtu ta'uu akka fakkenyaatti eeraniiru.
Itiyoophiyaan qaxanaa Afriikaa Bahaatti yaaliin nageenya waaraa, misoomaa fi walittihidhamiinsa daldalaa uumuuf taasiftu cimee ittifufa
Mar 28, 2024 79
Bitootessa 19/2016(TOI)- Itiyoophiyaan qaxanaa Afriikaa Bahaatti misooma waloo, nageenya waaraa fi walittihidhamiinsa daldalaa uumuuf yaaliin taasiftu cimee kan ittifufu ta’uu ministirri nageenyaa Binnaalf Andu’alam ibsan. Mariin paanaalii mata duree “nageenyi qaxanaa fi waloomni walittihidhamiinsa dinagdee egereef” jedhuun qophaa’e konpileeksii miidiyaa ammayyaa TOI keessatti taa’amaa jira. Waltajjicharratti haasawa ka’umsaa kan taasisan ministirri nageenyaa Binnaalf Andu’alam, Itiyoophiyaatti misooma si’achiisuu fi fayyadama ummataa mirkaneessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiru. Misooma waloon gamatti nageenya keessoo mirkaneessuu, eeguu fi egeree gochuuf yaalii hunda keenyaa barbaachisa jedhan. Naannawoota waldhabdee fi walitti bu’iinsi turanitti yeroo ammaa nageenyii fi tasgabbiin uumamuusaa yaadachiisanii, gumaacha hawaasni kanaaf taasiseef galateeffataniiru. Nageenya argame ittifufsiisuuf mootummaan yaaliiwwan hedduu taasisaa akka jiru eeranii, deeggarsi qaamolee hundaa akka ittidabalamu gaafataniiru. Gama mootummaatiin rakkoolee kamiyyuu mariin hiikuuf ejjennoon cimaan jiraachuu kan ibsan ministirichi, walitti bu’iinsarraa miidhaa malee homtuu hinjiru jedhaniiru. Kanaaf biyya kan fayyaduu fi hundaaf bu’aa kan qabu filmaata nageenyaa fi marii qofa akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Sochii shororkeessaa, karaa seeraan alaa namoota deddeebisuu fi daldala seeraan alaa gaanfa Afriikaatti taasifamu ittisuuf yaalii taasifamu Itiyoophiyaan gumaacha olaanaa taasisaa akka jirtu ibsaniiru. Naannawi gaanfa Afriikaa rakkoolee hedduun kan qoramu ta’uu obbo Binnaalf kaasanii , dhimmoota fayyadama waloo mirkaneessanirratti hojjechuu barbaachisa jedhan. Nageenya qaxanaa mirkaneessuun tumsa qaamolee hedduu akka gaafatuibsanii, walittihidhamiinsi Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa bahaatti argaman Yuunivarsiitiiwwan biyyoota qaxanichaa addaddaa waliin jalqabanakka fakkeenyaatti akka eeramu dubbataniiru. Muuxannoo akkasii naannawoota hundatti bal’isuun akka barbaachisu ibsaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribee, TOI’n ergamasaa waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi biyya ijaaruu sirnaan bahachaa jira jedhaniiru. Dhimmoota faayidaa biyyaa qabanirratti waltajjii uumuun lammiileen faayidaa biyyaalessaa irratti ilaalcha walfakkaataa akka qabaatan hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Fuulduras waltajjiiwwan lammiileen faayidaa biyyaalessaaf waloomaan akka dhaabatan qopheessuun ergama biyyaalessaa bahachuuf nihojjeta jechuun mirkaneessan. Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa Kanaan dura waltajjiiwwan faayidaa biyyaalessaa qaban qopheessaa turuunsaa niyaadatama.
Mariin Paanaalii nageenya naannaawwaa fi tumsa walitti dhufeenya dinagdee waaraa ta'erratti xiyyeeffate geggeeffama jira
Mar 28, 2024 58
Bitootessa 19/2016(TOI) - Mariin Paanaalii nageenya naannaawwaa fi tumsa walitti dhufeenya dinagdee waaraa ta'erratti xiyyeeffate Finfinneetti geggeeffama jira Marii kana Tajaajila Oduu Itoophiyaatu mata duree ''Nageenya naannawwaa fi walooma walitti dhufeenya dinagdee waaraaf'' jedhuun Ministeera nageenyaa fi Humna Elektirikii Itoophiyaa waliin ta'uun qopheesse. Marii paanaalii kanarratti miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa, Ministira nageenyaa Binnaalif Andu'aaleem, Hoji geggeessaa olaanaa humna Elektirikii Itoophiyaa injinar Ashabbir Baalchaa, Deetaa ministira daldalaa fi walitti dhufeenya naannawwaa Fisahaa Yittaaggazuu, deetaa ministira nageenyaa doktar Kayiradiin Tazarraa dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa biroo fi keessuummoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru. Marii paanaalii kanarratti; waraqaan mariif ta'uu kan fayidaa Nageenyi naannawwa fi waloomni tumsa dinagdee waaraa ta'ee irratti qaburratti xiyyeeffate dhihaatee irratti mari'atamaa jira.

Hawaasummaa
Qondaaltonni poolisii Itiyoophiyaa olaanoo nagaagaa kabachiisuuf Sudaan Kibbaa dhaqan gaggeeffaman
Mar 29, 2024 30
Bitootessa 20/2016(TOI)- Qondaaltonni poolisii federaalaa Itiyoophiyaa olaanoo ergama nagaagaa kabachiisuu dhaabbata mootummoota gamtoomaniif Sudaan Kibbaa dhaqan gaggeeffamaniiru. Komishinar jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el sirna gaggeessaa kanarratti qondaaltota poolisiif ergaa dabarsaniin raayyaan poolisii Itiyoophiyaa naamusaa fi dandeettii loltummaan dhaabbilee idil addunyaa biratti barbaadamaa fi filatamaa ta’aa akka dhufe ibsaniiru. Kutaalee hawaasaa fi qondaaltota poolisii biyyoota garagaraa argataniif sadarkaa naamusaa fi ogummaa poolisii poolisiin Itiyoophiyaa amma irra gahe agarsiisuu akka qaban dubbataniiru. Hirmaannaan idil addunyaa cimee akka ittifufuu fi miseensota raayyaa poolisii carraa kana osoo hin argatiin sooramaan gaggeeffaman fuuldura hirmaachisuuf akka hojjetamu eeraniiru. Imaltoota nagaa kabachiisuuf deeman ergamnisaanii akka milkaa’u hawwaniiru. Ittigaafatamaan jiddugaleessa nagaa kabachiisaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komaandar Tagany Aggaj bobbaatiin nagaa kabachiisaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii addaan cite akka ture kaasanii komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el fi maanejimantiinsaanii yaalii cimaa taasisanii jalqabsiisuusaaniif galata qabu jedhan. Hooggantoonni poolisii federaalaa fi naannolee yeroo addaddaa Sudaan, Sudaan kibbaa fi bulchiinsota Abiyyee fi Haayitiitti bobba’an dirqama kennameef ga’umsaan bahachuun biyyaa fi dhaabbatasaanii beeksisuusaanii dubbataniiru. Hooggantoonni poolisii olaanoo nagaa kabachiisuuf bobba’an biyya dhaqanitti aadaa fi duudhaa kutaalee hawaasaa eegumsa isaan barbaachisuu kabajuun akkuma Kanaan duraa maqaa biyyaa fi dhaabbata keenyaa olka’ee akka kaafamu gochuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Baay’inni dubartoota hirmaattoaa amma ammaatti kan ture kan caaluu fi hooggantoonni dubartootaa 11 kan hirmaatan ta’uun akka adda isa taasisuu fi cimee akka ittifufu ibsamuusaa odeeffannoon poolisii federaalaarraa argame nimul’isa.
Mootummaan Faransaayi suphaa bataskaanota Laalibalaa dabalatee deeggarsi hojiilee misoomaa addaddaaf taasisaa jiru onnachiisaa ta’uun ibsame
Mar 28, 2024 248
Bitootessa 19 /2016 (TOI)- Mootummaan Faransaayi suphaa bataskaanota Laalibalaa dabalatee deeggarsi hojiilee misoomaa addaddaaf taasisaa jiru onnachiisaa ta’uun ibsame. Bulchaan bulchiinsa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Faransaay Reemii Maariishoo waliin misoomaa fi deeggarsa ilaalchisuun magaalaa Bahaardaaritti mari’achaa jiru. Bulchaan bulchiinsa kun maricharratti akka jedhanitti, hojiin mootummaan Faransaayi misooma tuurizimii, fayyaa fi misooma biroo deeggaruun hojjechaa jiru onnachiisaadha. Suphaa bataskaanota Laalibalaa, Hoospitaala Dasee fi hojiin qonnaa akka si’atu deeggarsa taasifame akka agarsiiftuutti eeraniiru. Deeggarsii fi tumsi namoomaa lammiilee naannichaa rakkoo uumamaa fi namtolcheen miidhamaniif mootummaa Fayansaayiin taasifamaa jiru cimee akka ittifufu bulchaan bulchiinsaa kun himaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Faransaayi Reemii Maariishoo gamasaaniin, damee qonnaatiin naannichatti sanyii filatamaa dhiheessuun oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuuf akka deeggaran dubbataniiru. Kun ammoo dinagdee naannichaa cimsuuf akka ta’e dubbataniiru. Haala Kanaan Kanaan dura deeggarsa suphaa hambaa, fayyaa fi dameelee misooma biroon taasisaa turan bal’isuuf akka ta’e ibsaniiru.
Neetiwoorkiin Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii Itoophiyaa hundeeffame
Mar 28, 2024 87
Bitootessa 19/2016 (TOI)- Fayyadamummaa faayinaansii dubartootaa guddisuuf Neetiwoorkiin Dubartootaa Ogeeyyii Faayinaansii Itoophiyaa hundeeffame. Neetiwoorkichi walta’iinsa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatii fi Baankii Addunyaan kan hundeeffame yoo ta’u, fayyadamummaa faayinaansii guddisuu dabalatee, dubartoonni gara hoggansaatti akka dhufan kan tumsuudha jedhameera. Adeemsa guddina dinagdee Itoophiyaa keessatti dubartoonni gahee isaanii akka bahatan carraa uumuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera. Sagantaa hundeeffamaa kanarratti kan argaman bulchaan waliigalaa Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Maammoo Miratuu hirmaachisummaa Faayinaansii irratti hirmanaan dhiirootaa fi dubartoota jidduu kan wal hin madaalleedha jedhaniiru. Kanaaf tarsimoon hirmaachisummaa faayinaasii kun garaagarummaa Dhiirootaa fi dubartoota jidduu gama kanaan jiru dhiphisuuf kaayyeeffateedha jedhaniiru. Sirna faayinaanisii waaraa fi wal amantee qabu ijaaruuf baankichi sirna baankii hirmaachisaa ijaaruuf kan hojjetu ta'uus hubachiisaniiru. Dhaabbileen Faayinaansii dubartoota gara hoggansaatti fiduunis sadarkaa biyyaatti hirmataa fi fayyadamoo taasisuu kan dandeesisudha jedhaniiru. Neetiwoorkii Dubartoota Ogeeyyii Faayinaansii hundaa'uun isaa hirmaannaa dubartoonni faayinaanisii keessaatti qaban guddisuuf kan gargaaru ta'uu eeraniiru. Kaayyoon Neetiworikichaas dubartoota gama hundaan gahoomsuu fi wal qixummaa koorniyaa kan mirkaneessuu waan ta'eef baankichi deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru.
Tarkaanfiin garee shaneerratti fudhatamu cimee ittifufeera
Mar 28, 2024 61
Bitootessa 18/2016(TOI)- Tarkaanfiin garee shaneerratti fudhatamu cimee ittifufuun ibsame. Gareen Shanee Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa ganda Daallee Daakin dabalatee gandoota addaddaatti nageenya hawaasaa jeeqaa turerratti raayyaan ittisaa qxanichatti argamu tarkaanfii barbaachisu fudhachuusaa ibseera. Raayyaan ittisaa qaamolee nageenyaa kanneen biroo waliin ta’uun garee shororkeessaa shaneerratti tarkaanfii fudhateen hidhataa garee shanee faayidaa ala ta’eera. Yeroo addaddaatti yaanni nageenyaa wayita dhihaatuuf fudhachuuf kan mamuu fiummata dirqisiisee kan saamu gareen shanee tarkaanfii raayyaa ittisaan irratti fudhatamaa jiru dura dhaabbachuu dadhabee bittinaa’aa akka jiru ibsameera. Guyyaa har’aa qofa godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa Daallee Daakinii fi naannawasaatti tarkaanfii raayyaan ittisaa fudhateen hidhattoonni 12 booji’amanii lama kan ajjeefaman yoo ta’u kilaashiin 8, Bireeniin 2 fi meeshaaleen boodatti hafoo 3 booji’amuusaa beeksiseera. Duulli garee shororkeessaarratti fudhatamu ittifufuusaa hoogganaan raayyaa naannawatti argamu ibsuusaanii odeeffannoon raayyaa ittisaarraa argame nimul’isa.
Diinagdee
Yaaliin Itiyoophiyaan dirree faayinaansii hunda hammataa uumuuf taasisaa jirtu jajjabeessaadha- baankii addunyaa
Mar 29, 2024 5
Bitootessa 20/2016(TOI)- Yaaliin Itiyoophiyaan dirree faayinaansii hunda hammataa uumuuf taasisaa jirtu jajjabeessaa ta’uu baankii addunyaatti dursaan garee qorannoo gabbisa sirna saalaa Afriikaa Maayikil Sulvaan dubbatan. Dursaan garee qorannoo Maayikil Sulvaan TOItti akka himanitti, Itiyoophiyaa dabalatee hammattummaa dirree faayinaansii Afriikaarratti hanqina guddaatu jira. Hammattummaa faayinaansii Itiyoophiyaa guddisuun yoo danda’ame akka biyyaatti wagga waggaan doolaara biiliyoona 3 tuqaa 7 olguddina dabalataa milkeessuun akka danda’amu ibsaniiru. Sirni faayinaansii hammataa mirkanaa’uun guddina oomishaa waliigalaarratti qooda olaanaa akka qabaatu eeaniiru. Qaqqabummaa faayinaansii mirkaneessuuf qooda dubartootaa dinagdee keessa jiru guddisuu barbaachisa jedhan. Hammattummaan faayinaansii guddina galii tokkoon tokkoon namaarratti akka galmeessisu deeggaruurra darbee badhaadhina egereef akka barbaachisu eeraniiru. Baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa dirree faayinaansii hammataa uumuuf tarsiimoo faayinaansii hammataa bocuun yaalii taasisaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan walittihidhamiinsa anniisaa qaxanichatti jalqabde cimsitee ittifufti
Mar 29, 2024 10
Bitootessa 20/2016(TOI)- Itiyoophiyaan walittihidhamiinsa anniisaa qaxanichatti jalqabde cimsitee akka ittifuftu humni elektiriikii Itiyoophiyaa ibse. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa Injiinar Ashabbir Baalchaa TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan humna elektiriikii biyyoota ollaaf dhiheessaa jirtu caalaa bal’isuuf hojjechaa jirti. Itiyoophiyaan humna ibsaa gabaa biyya alaa Sudaan, Jibutii fi Keeniyaaf amma dhiheessaa jirtu amma Afriikaa Kibbaatti dhiheessuuf akka karoorfame dubbataniiru. Dhiheenyatti Taanzaaniyaaf dhiheessuuf waliigalamuu eeranii, biyyoonni ollaa biroos fakkeenyaaf Sudaan Kibbaa, Ugaandaa fi Ruwaandaan humna ibsaa Itiyoophiyaarraa fudhachuuf fedhii akka qaban dubbataniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin dubbachaa akka jirtu ibsanii, Fuulduras walittihidhamiinsa anniisaa qaxanichatti jalqabde cimsitee akka ittifuftu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaatti hanni bu’ura misoomaa elektiriikii baay’achaa akka dhufe eeranii, kana ittisuuf tumsa hawaasaa barbaachisa jedhan. Hanni kun dhaabbilee tajaajiloota addaddaa humna ibsaan kennanirratti gufuu guddaa akka uumu eeranii, kun ammoo biyya miidhaa akka jiru dubbataniiru. Karaa caasaalee aanaarraa amma gandaatti jiraniin rakkoo kana furuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Haala Kanaan hawaasni hirmaannaasaa guddisuuf dhiheenyatti miidiyaalee waliin hojiilee hubannoo uumuu akka jalqabamu eeraniiru.
Naannoo Gaambeellaatti qonna gannaatiin lafti heektaara kuma 164 olirra midhaan addaddaa nifacaafama
Mar 29, 2024 17
Bitootessa 19/2016 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti qonna gannaatiin lafa heektaara kuma 164 ol midhaan addaddaan misoomsuuf hojjetamaa akka jiru biiroon qonnaa fi qabeenya uumamaa beeksise. Ittigaafatamaan Biirichaa obbo Ujuluu Lowaal TOI’f akka ibsanitti, bara oomishaa 2016/17 naannichatti hojeeffamuu kan jalqabe tiraanisfoormeeshinii qonnaa milkeessuun haala dandeessisuun hojjetamaa jira. Misooma qonnaa gannaa mekaanaayizeeshinii qonnaa, sanyii filatamaa fi galteewwan teeknooloojii qonnaa birootiin deeggaruun oomishtummaa guddisuuf hojiiwwan deeggarsaa fi hordoffii hojjetamaa akka jiran dubbataniiru. Aanaalee naannichaa hundatti tiraaktaroonni qonnaa haaraa fi kan duraanii 48 bobbaasuun qophii maasaaf galtee akka ta’an bobbaafamuu dubbataniiru. Bara oomishaa kanatti lafa heektaar kuma 164 caalu midhaan addaddaa misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona shanii ol walitti qabuuf karoorfamuu ibsaniiru. Lafti kun kan bardheengaddaa waliin walbiratti yoo ilaalamu heektaara kuma 13, oomishaan ammoo kuntaala miiliyoona tokko tuqaa shaniin nicaala jedhamee akka eegamu himaniiru. Tiraanisfoormeeshinii qonnaa Kanaan sanyiin filatamaa boqqoolloo, Ruuzii, qamadii, atoo boonsituu fi kanneen biroo raabsuun akka jalqabame ibsaniiru. Misooma qonnaa ammayyeessuun oomishtummaa guddisuuf qonnaan bultoota dureeyyii naannawasaa walii walitti hidhuun bu’a qabeessa taasisuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru. Aanaalee tiraaktarri itti bobbaafame keessaa ittaanaan bulchaa fi ittigaafatamaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa aanaa Goodarree obbo Kumtuu Toowu yaada kennaniin, misooma qonna gannaa bara 2016/17’f sosochii ummataa uumuun hojiitti galamuu dubbataniiru. Yeroo ammaa tiraaktaroota bardheengaddaa deeggarsa taasifaman hojii jalqabsiisuun midhaan dafanii faca’aniif qophiin maasaa taasifamaa akka jiru eeranii, “tiraaktaroonni haaraa deeggarsa taasifaman qonna gannaaf humna dabalataa kan uumanidha” jedhaniiru.
Hojiiwwan misoomaa jireenya jiraattota magaalaa Finfinnee egereef fayyadamaa taasisan cimanii ittifufu-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 28, 2024 206
Bitootessa 19/2016(TOI)- Hojiiwwan misoomaa jireenya jiraattota magaalaa Finfinnee egereef fayyadamaa taasisan cimanii akka ittifufan Kantiibaan magaalattii Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech kanneen misoomaaf jecha bakkaa ka’an, dadhabootaa fi kanneen biyyaaf oolmaa oolaniif kutaa magaalaa Nifaas silk Laaftootti ijaarsa manaaf dhagaa bu’uraa kaa’aniiru. Ijaarsi kun rakkoo mana jireenyaa namoota hedduu akka furuu fi jireenya lammiilee jireenya gadaanaarra jiranii fooyyessuuf kan dandeessisudha jedhan. Gamoowwan ijaaraman sadii baasiinsaa guutummaatti dureeyyota tola ooltotaan ta’uu fi guyyoota 90 keessatti akka xumuramu ibsaniiru. Qonni magaalaa. Dhaalli leemataa, ijaarsi manaa fi pirojektoonni namarratti xiyyeeffatan biroon hojjetamaa akka jiran kantiibaa Adaanech dubbataniiru. Fuulduras hojiiwwan misoomaa jiraattota magaalattii egereef fayyadamoo taasisan hojjechuun yaalii qindaa’aa mootummaa fi dureeyyii ittifufa jedhaniiru. Dureeyyiin tola ooltotaa gamasaaniin, hojiilee misoomaa namarratti xiyyeeffatan kan Finfinneetti hojjetamaa jiranirratti hirmaannaasaanii akka ittifufan dubbataniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee dabalatee hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee,dureeyyii fi keessummoonni afeeraman saganticharratti argamaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Imalli Ce’umsa Dijitaalaa erga eegalamee akka biyyatti tarkaanfiiwwan murteessoo tarkaanfanneerra
Mar 26, 2024 56
Bitootessa 17/2016 (TOI)- Imalli Ce’umsa Dijitaalaa erga eegalamee akka biyyaatti tarkaanfiiwwan murteessoo tarkaanfanneerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad. “Dijitaal Itiyoophiyaa 2025” namootaa kalaqaaf deeggarsa argamsiisuu fi imalaa dijitaalaaf haalota mijatoo uumuun diinagdee dijitaalaan akka jajjabaannu dandeettii uumeera jedhan. Guyyaa har’aas gamaaggamaa raawwii karooraa bara giddugaleessaa gaggeeeffameen hanqinaalee jiran sakatta’uun akkasumas milkaa’ina imalaa kabajuuf carraa kan uume ta’uu Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii jiddugaleessa innoveeshinii ijaarsise eebbisiise
Mar 22, 2024 265
Bitootessa 13/2016(TOI)- Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii jiddugaleessa innoveeshinii ijaarsise eebbisiise. Jiddugaleessi innoveeshinii (Inooviis Ke Itiyoophiyaa) ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii deeggarsa ejensii tumsa idil addunyaa Kooriyaan ijaarsise eebbisiiseera. Jiddugaleessichi paarkii ‘ICT’ keessatti kan ijaarame yoo ta’u, start aappotaa fi dargaggoota hojii uumtota Itiyoophiyaatti argaman hojiilee bu’ura misoomaa teeknooloojii fi innoveeshiiniin deeggaramanii hojjetan akka deeggaru ibsameera. De’eetaan ministiraa innoveeshinii fi teeknooloojii Baayyisaa Badhaadhaa haasawa waltajjicharratti taasisaniin jiddugaleessichi ijaarsa Itiyoophiyaa dijitaalaa keessatti qoodasaa akka bahu ibsaniiru. Keessumaa ogeeyyonni hojii uuman yaadota staart aappii gabbisuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Ittaanaa pirezidaantii ejensii tumsa idil addunyaa Kooriyaa(Kooyikaa) Doong Hoo Kiim gamasaaniin Kooyikaan Itiyoophiyaatti pirojektii kana keessatti hirmaachuusaa ibsaniiru. Ejensichi deeggarsi dameelee teeknooloojii fi innoveeshinii biroo keessatti taasisu cimsee akka itti fufu eeraniiru.
Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf damee dhuunfaa waliin tumsaan nihojjeta-doktar Saamu’eel Kiflee
Mar 19, 2024 96
Bitootessa 10/2016(TOI)- Yuunivarsiitiin Finfinnee tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf galmoota qabaman keessaa damee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan nihojjechuun isa tokko akka ta’e pirezidaantiin eeggataa yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee ibsan. Yuunivariitichii fi gareen Faariis Teeknooloojii hojii qorannoo fi kalaqaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Pirezidaantiin eeggataa Yuunivarsiitichaa doktar Saamu’eel Kiflee fi hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariis Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw waliigalticha mallatteessaniiru. Doktar Saamu’eel wayita kana akka jedhanitti galmoota yuunivarsiitichi tarsiimoo waggaa shanii milkeessuuf qabaman keessaa dameelee dhuunfaa faayidaa biyyaalessaa qaban waliin tumsaan hojjechuun isa tokkodha jedhaniiru. Waliigalteen garee teeknooloojii Faariis waliin taasifame qaama tarsiimichaa ta’uu eeranii, qorannoo fi qu’annoon akkasumas kalaqarratti tumsaan nihojjeta jedhaniiru. Pirezidaantiin eeggataa kun akka jedhanitti waliigaltichi yaalii yaada kalaqaa barattootaa qabeenyatti jijjiiruuf taasifamuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Hundeessaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa garee Faariif Teeknooloojii Eliyaas Yirdaaw gamasaaniin Yuunivarsiitiin Finfinnee dandeetti guddaa qabu fayyadamuuf waliigaltichi carraa gaarii ta’uusaa dubbataniiru. Garuchi pirojektoota teeknooloojiin walqabatan bocee hojjechaa akka jiru eeranii, waliigaltichi bu’a qabeessummaa teeknooloojii caalaatti niguddisa jedhaniiru.
Itiyoo telekoom hammattummaa dijitaalaan dubartoota ga’oomsuuf ‘inisheetiivii Konneektid Wuumeen waliin waliigatee mallatteesse
Mar 8, 2024 175
Guraandhala 29/2016(TOI)- Itiyoo telekoom hammattummaa dijitaalaan dubartoota ga’oomsuuf ‘inisheetiivii Konneektid Wuumeen waliin waliigatee mallatteesseera. Waliigalteen kun garaagarummaa sirna –saalaa dijitaalaa dhiphisuu fi hammattummaa dijitaalaa dubartootaa guddisuu akka dandeessisu eerameera. Hojii raawwachiiftuun muummee Itiyoo telekoom Fireehiwoot Taammiruu fi hooggantoota inisheetiivichaa waliin Ispeen Baarsaloonaatti waliigalticha mallatteessuusaanii odeeffannoo Itiyoo telekoomirraa argame nimul’isa. Waliigaltichi fayyadama intarneetii moobaayilii fi tajaajila maallaqa moobaayilii karaa teeleebirrii dubartootaa akka lakkoofsa Awurooppaa amma bara 2026tti guddisuuf akka ta’ee fi tajaajila intarneetii moobaayilii fi faayinaansii dijitaalaa hammataa dhiheessuuf kan xiyyeeffate dha. Adde Fireehiywoot akka jedhanitti kaampaanichi hanqina sirna saalaa dijitaalaa amma mul’atu dhiphisuuf tajaajilootaintarneetii moobaayilii fi faayinaanshaalii moobaayilii dubartootaan gahuuf dubartoonni dinagdee dijitaalaa keessatti hirmaattotaa fi fayyadamooakka ta’an kutannoon hojjechaa akka jiru ibsameera.
Ispoortii
Ijaarsi boqonnaa 2ffaa Istaadiyeemii 'Adey Ababa' eegalamuufi
Mar 24, 2024 94
Bitootessa 15/2016(TOI) - Ijaarsi boqonnaa 2ffaa Istaadiyeemii biyyaalessaa 'Adey Ababa' yeroo dhiwootti akka eegalamu Ministeerri Aadaafi Ispoortii beeksise. Ijaarsi isaa bara 2008 kan eegalame yoo ta'u %50 goolabamuun bara 2012 ijaarsi boqonnaa 2ffaa eegalamuuf karoorfamus, rakkoo sirna kaffaltiin wal qabatuun harkifachuu himameera. Istaadiyeemichi namoota kuma 62 teessoon kan qabata.
Itiyoophiyaan dorgommii Atileetiksii guutuu Afriikaa sadarkaa lammaffaan xumurte
Mar 23, 2024 137
Bitootessa 14/2016(TOI)- Itiyoophiyaan dorgommii Atileetiksii guutuu Afriikaa meedaaliyaa 18’n Naayijeeriyaatti aanuun sadarkaa lammaffaan xumurteetti. Dorgommiin atileetiksii guutuu Afriikaa 13ffaa Gaanaa Yuunivarsiitii Akraatti taasifamaa ture xumurameera. Dorgommii Kanaan Itiyoophiyaan dhiira 47, dubartoota 40 walumaagala atileetota 87’n bakka bu’uun Warqee 7, meetii 7 fi Naasa 4 walumaa gala meedaaliyaa 18 argatteetti.. Biyyoota Afriikaa 50 irraa atileetonni 640 dorgommii kanarratti hirmaachuusaanii odeeffannoon federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa nimul’isa.
Itiyoophiyaan dorgommii meetira kuma 5 fi kuma kuma 1 fi 500’n Warqee 6ffaa fi 7ffaa argatte
Mar 23, 2024 93
Bitootessa 14/2016(TOI)-Taphoota guutuu Afriikaa 13ffaa Gaanaatti taasifamaa jiruun Itiyoophiyaan dorgommii meetira kuma 5 dhiirotaa fi kuma 1 fi 500 dubartootaan Warqee 6ffaa fi 7ffaa argatteetti. Meetira kuma 5 xumuraa dhiirotaan atileet Hagos Gabrahiwoot Itiyoophiyaaf Warqee argamsiiseera. Atileet Hiruut Mashashaa dorgommii dubartootaa meetira kuma 1 fi 500’n meedaaliyaa Warqee argamsiifteetti. Atileet Hawwii Abarraas meedaaliyaa meetii Itiyoophiyaaf argamsiifteetti. Atileet Ermiyaas Girmaa dorgommii dhiirotaa meetira kuma 1 fi 500 xumuraan meedaaliyaa meetii argamsiiseera.
Itiyoophiyaan meetira kuma 10 dubartootaan meedaaliyaa Meetii fi Naasaa mo’atte
Mar 22, 2024 103
Bitootessa 13/2016(TOI)-Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii Fiigicha meetira kuma 10niin meedaaliyaa Meetii fi Naasaa mo’atteetti. Taphoota guutuu Afriikaa 13ffaa fageenya Kanaan Wudde Kaffaalee lammaffaa Tikkee Amaaree ammoo 3ffaa bahuunshee beekameera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa sosochii eegumsa naannoo biyyaalessaa jalqabsiisan
Mar 29, 2024 11
Bitootessa 20/2016(TOI)- Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa sosochii eegumsa naannoo biyyaalessaa har’a Finfinneetti jalqabsiisan. Sosochiin kun mata duree “faalamni haagahu miidhaginni haadammaqu” jedhuun baatii jaaha itti aanuuf akka adeemsifamu ibsameera. Bulchitoonni bulchiinsa naannoo, hooggantoonni biiroo eegumsa naannoo naannolee fi bakka bu’oonni dhaabbilee idil addunyaa sagantaa jalqabsiisaa kanarratti argamaniiru. Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa wayita kana akka ibsanitti, Itiyophiyaan hojii eegumsa naannoo cimaa taasisaa jirti. Haala Kanaan sagantaa ashaaraa magariisaa dabalatee misooma qarqara lagaa, magaalota miidhagaa fi qulqulluu taasisuuf hojii hedduu hojjechaa akka jirtu dubbataniiru. Sosochiin eegumsa naannoo biyyaalessaa har’a jalqabame faalama naannawaa ittisuuf akka hojjetamu ibsanii, yaaliiwwan gama Kanaan jalqabaman nicimsa jedhan. Sosochiin kun magaalonni balfa gatan sirna akka hordofe taasisuuf magaalaa miidhagduu fi mijooftuu ijaaruuf kan akeekame ta’uu himameera. Sosochiin kun faalama sagalee ittisuufis akka hojjeti dubbataniiru. Faalama qilleensaa, Bishaanii, biyyoo fi sagalee hir’isuuf hawaasa hirmaachisuun xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisus ittaanaa ministira muummee hubachiisaniiru.
Magaalichaatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuun miliyoonni 15 ol qophaa'eera
Mar 28, 2024 24
Bitootessa 19/2016(TOI)- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf kan oolu biqiltuun miliyoonni 15 qophaa'uu Biiroon miidhagnaa fi misooma magariisaa magaalichaa beeksise. Bara kana yeroo 6ffaaf kan geggeeffamu sagantaa ashaaraa magariisaa sadarkaa biyyaatti qophiin taasifamaa jira. Bulchiinsa magaalaa Finfinneettis sagantaa kanaaf qophiin guddaan taasifamaa jirachuu Biiroon Miidhagnaa fi misooma magariisaa magaalichaa beeksiseera. Biirichaatti dursaan garee dhiheesii galteewwanii buufataalee biqiltuu Geetinnat Adimaasuu maagalichatti sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaaf kan oolaan biqltoonni gosa garaagara buufatalee biqiltuu sagalitti qophaa'aa jiraachuu beeksisaniiru. Haaluma kanaan buufataalee kanneenitti biqiltuun miliyoonni 15 qopha'uu himaniiru.
Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin eegumsa naannoo saayinsaawaa ta’e cimuu qaba
Mar 20, 2024 90
Bitootessa 11/2016(TOI)- Itiyoophiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin eegumsa naannawaa fieegumsa qabeenya uumamaa saayinsaawaan cimuuakka qabu qorataan damichaa doktar Mangistuu Wubee ibsan. Doktar Mangistuu Wubee biyya keessaa fi biyyoota addaddaatti barsiisuu fi damee qonnaatiin qorannaa kan taasisan, wabii nyaataarratti qorannoo hedduu kan taasisanii fi kitaabota nama barreessanidha. Eegumsa naannoo fi dhimmoota walfakkaatoo ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisan qorataan kun, Itiyoophiyaan sirna misooma ikoo heddumminaa fi lubbeeyyii heddumminaatiin qaxanicha sooruu akka dandeessu akka dandeessuu kaasaniiru. Gama Kanaan hojiileen misoomaa waggoota darban gama eegumsa biyyaa fi bishaanii akkasumas sagantaa ashaaraa magariisaatiin raawwatamanfaayidaa olaanaa akka qaban ibsaniiru. Hojiileen misoomaa kunneen karaa saayinsaawaa fi ittifufiinsa qabuun yoo hinraawwatamne bu’aa barbaadamu fiduun waan hindanda’amneef hojiileen eegumsa naannawaa fi qabeenya uumamaa bifa Kanaan cimuu qabu jedhaniiru. Sirna barnootaa keessatti barumsa idileen duraarraa kaasee waa’ee eegumsa naannoo barsiisuun akka barbaachisuu fi qoonni dhaabbilee bu’ura beekumsa biyya keessaa gabbachuu qaba jedhan. Hojii eegumsa qabeenya uumamaa egereef imaammanni eegumsaa fi ittifayyadama lafaa murteessaa ta’uu eeranii, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda olaanaa qau jedhaniiru. Gara jabinni dhalli namaa qabeenya uumamaarraan gahe isumarratti rakkoolee hedduu uumuusaa kaasaniiru. Jijjiiramni haala qilleensaa danqaan wabii nyaataarratti geessise qolachuuf misoomsuun akka jirutti ta’ee, tarsiimoo dhiibbaa damdamachuu danda’u hordofuun akka barbaachisu dubbataniiru. Gama Kanaan sagantaaleen misooma Qamadii fi dhaala leemataa mootummaan xiyyeeffannoo addaan raawwachaa jiru abdii guddaa kan kennudha jedhaniiru qorataan kun. Sagantaa ashaaraa magariisaa boqonnaa lammaffaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 25 akka dhaabaman ibsameera. Sagantaan ashaaraa magariisaa qaama yaalii Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf taasiftuu ta’uunsaas nibeekama.
Naannoo Gaambeellaatti misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiilee misooma sululaa cimsuun nibarbaachisa-obbo Gabramasqal Caalaa
Mar 20, 2024 99
Bitootessa 11/2016(TOI)- Naannoo Gaambeellaatti misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiilee misooma sululaa cimsuun akka barbaachisu ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa obbo Gabramasqal Caalaa ibsan. Sagantaan sosochii naannichatti misooma sululaa cimsuu dandeessisu hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo bakka argamanitti naannicha godina Anyiwaak aanaa Abaabootti adeemsifameera. Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa fi qindeessaan garee supparviijinii federaalaa obbo Gabramasqal Caalaa wayita kana hojiileen misooma sululaa naannichatti hojeeffamaa akka jirudaawwannaa taasifameen mirkaneessuun akka danda’ame dubbataniiru. Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii qooda olaanaa akka qabaatu eeranii, damee kana cimsuuf hundi xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhaniiru. Bulchaan bulchiinsa naannoo Gaambeellaa obbo Umod Ujuluu gamasaaniin, hojiin qabeenya uumamaa naannichaa eeguu fi kunuunsuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf hojjetamu xiyyeeffannoon kennameeraf. Misoomni sululaa faayidaa misooma qonnaaf qabuun alatti iddoowwan dhiqaman gara qabiyyeesaanii duraatti deebisuu fi qabeenya bishaanii gabbisuuf faayidaa olaanaa akka qabaatu dubbataniiru. Kanaaf sagantaa Kanaan hojiilaa misooma sululaa jalqabaman bu’a qabeessa taasisuuf hawaasa hirmaachisuun akka hojjetamu ibsaniiru. Hojiilee misooma sululaa waggoota darban hojjetamaniin iddoowwan miidhaan irra gahe qabiyyeesaanii duraatti deebi’uusaanii kan dubbatan ammoo ittigaafatamaa biiroo qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa obbo Ujuluu Luwaal dha. Baatii bonaa baranaatiin lafa heektaara kuma 40 irratti hojiin eegumsa bishaanii fi biyyoo akka hojjetamu ibsaniiru. Sagantaan sosochii misooma sululaa kaleessa jalqabamee fi kutaaleen hawaasaa kuma 45 irratti hirmaatan baatii tokkoof akka ittifufu beeksisaniiru. Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa obbo Gabramasqal Caalaa fi bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Umood Ujuluu dabalatee hooggantoonno olaanoo federaalaa fi naannoo sagantaa sosochii kanarratti argamaniiru.
Gabaasa addaa
''Magaalichaatti balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'ameera''
Mar 26, 2024 223
Bitootessa 17/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ji'oota jahan darban balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'amuu Komishiniin bulchiinsa sodaa balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Komishinichatti itti aanaan komishinaraa damee balaa hir'isuu Yikifawuu Waladamsqal TOI'tti akka himaniitti; balaa ibiddaa, balaa yeroo ijaarsaa mudatu, sigigaachuu lafaa fi balaan lolaa irra deddebiin magaalichaatti yeroo baay'ee kan uumamaan ta'uu himaniiru. Magaalichatti ji'oota jahan darban balaan Ibiddaa fi balaan tasaa 239 mudachuu eeranii; hojii ittisuu Komishiinichi hojjeteen qabeenya birrii biliyoona 7'tti tilmaamamu balaa mancaatiirra baraaruun danda'amuu himaniiru. Balaawwaan mudatan kanaan qabeenyi birri miliyoona 467'tti dhihaatu mancaa'uu himanii; balaa ibiddaan ala balaawwaan biroo mudataniin lubbuun namoota 31 darbuus eeraniiru. Komishiinichi waan balaa durasanii ittisuu fi balaan erga mudatee qolachuu irratti xiyyeeffatee hojjeteef malee kanaa ol miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namarran gahuu danda'u jedhaniiru. Guddinaa fi baay'ina uummataa magaalichaa hordofee balaawwaan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf adeemsa tekinolojiiwwan deeggarame diriirsuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjetama turuu himaniiru. Kanaanis jiddugala eeruu balaa gara dijitaalaatti jijjiruun danda'uu himanii, kunis eeruu sobaa kanaan dura turan hambisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahedha jedhaniiru. Jiddugalicha dameewwan isaa salganuu waliin kaameeraa CCTV'n wal qunnamsiisuun sochiiwwan isaanii walii galaa to'achuuf adeemsi dandeesisuu uumameera jedhaniiru. Hojii riifoormii taasifameen baay'ina jiddugalawwan isaa babal'isuu, naannawwaa hojii mijataa uumuu, lakkoofsa konkolaatoota yeroo balaan mudatan dhimma itti bahanii dabaluu fi hojiin biroon hojjetamuu himaniiru.
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 1629
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.