Muummichi ministiraa Doktor Abiyyi Ahimad muummicha ministiraa Ayerlaandi waajjira isaaniitti simatanii dubbisan

https://www.ena.et/wp-content/uploads/2019/01/office1-696x463.jpg

Finfinnee Amajjii 1/2011 Muummichi ministiraa doctor Abiyyi Ahimad muummicha ministiraa Ayerlaandi Lii’oo Varadkaarni  waajjira isaaniitti simatanii haasofsiisan.

Ministirri muummee Lii’oo Varadkaarni  daawwannaa guyyaa 3 taasisuuf kaleessa Finfinnee galaniiru.

Muummichi ministiraa doctor Abiyyi Ahimad afeerraa taasisaniin gara Itoophiyaa kan dhufan muummichi ministiraa Ayerlaandi, Finfinnee wayita seenan da’eettaan ministiraa ministeera dhimma alaa doctor Maarqoos Taklee simataniiru.

Muummichi ministiraa doctor Abiyyi Ahimad guyyaa har’aa waajjira isaaniitti simatanii haasofsiisaniiru.

Ministirri muummee Lii’oo Varadkaarni  pirezidaantii Saahilewarq Zawudee waliin akka mari’atanis dubbatameera.

 Itoohiyaa fi Ayerlaandi quunnamtii dipplomaasii bara dheeraa lakkoofsise kan qaban yoo ta’u, akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 2014 pirezidaantiin Ayerlaandi Mikaa’eel Hegeensi Itoophiyaa daawwataniiru.

Wayita sanatti Ayerlaandi Itoophiyaa waliin deeggarsa misoomaa yuuroo miiliyoona 136 mallatteessuun ishee ni beekama.