Industiriiwwan hedduun ulaagaa nageenya nannoo osoo hin guutiin oomishaa jiru

Adaamaa Mudde 15/2011 Dhaabbilee fi industiriiwwan oomishtootaa hedduun ulaagaa nageenya naannoo seeraan taa’e osoo hin guutin oomishaa akka jiran to’annaa taasifameen mirkanaa’uu isaa koomishiniin naannoo, bosonaa fi jijjiiraama haala qilleensaa beeksise.

Komishinichi rakkoowwan gama kanaan mul’atan furuuf qaamolee dhimmi ilaalu fi dhaabbilee oomishtootaa akkasumas waajjiraalee mootummaa naannolee fi federaalaa waliin  marii taasiseera.

Komishinichatti daayirektarri hojiirra oolmaa seeraa fi waltajjii qophaa’e irratti bu’aa qorannoo to’annaa kan dhiheessan obbo Mariihi Wandimmaagenyi akka jedhanitti, waggaa bajataa darbe industiriiwwan sadarkaa federaalaatti  jiran 50 fi dhaabbilee oomishtootaa sadarkaa naannoo  jiran kuma 29 fi dhibba 5 fi 76 irratti to’annaa taasifameen, hedduun isaanii bifa faalama nannootiin karaa saaxilameen oomishaa akka jiran mirkanaa’eera.

Rakkoon kun faalamaa qilleensaa, fayyaa fi nageenya lammiilee irratti balaa geessisaa waan jiruuf warshaalee fi dhaabbileen oomishtootaa 55  akka cufaman taasifamuu eeraniiru

Karaa biraatin  kuma 1 fi dhibba 4 fi jaatamii sadii kat ta’an irratti immoo ofeeggannoon jalqabaa fi kan dhumaa kennamuufii ibsaniiru. “Tarkaanfiin amma fudhannu dhaabbilee irratti hir’inootaa fi jijjiiramoota mul’atan  adda baasuudaani” jedhaniiru. 

Dhaabbilee qonna abaaboo to’annaan irratti taasifame 54 keessaa sadan isaanii irraa kan hafan hundi nageenya naannoo irratti rakkoo guddaa akka geessisan ibsaniiru.

Komishinarri komishinii naannoo, bosonaa fi jijjiirama haala qilleensa piroofeesar Fiqaaduu Bayyanaa gama isaaniitiin, hoo’a gubataa qilleensaa gadi lakkifamu irraa kan ka’e lubbu qabeeyyiin hir’achaa dhufuun, lafti qullaatti hafuun, manca’ina bosonaa  hordofsiisuudhaan jireenya dhala namaa irratti qormaata ta’aa akka jiru ibsaniiru. 

“Guddina industirii kan waggaa dhibbeentaa 14n ga’uuf fedhii qabeenya uumamaa dabalataa, dhiheessii anniisaa, bu’ura misoomaa dabalataan diriirsuu fi tajaajila geejjibaa gaafata” jedhaniiru.

 Kana sirnaan misoomsuu yoo hin dandeenye faalama naannoo hammaataa akka hordofsiisu dubbataniiru.

Misoomni biyyattiin adeemsisaa jirtuu fi hojiin industirii babal’isuuf hojjetamu faayidaa hawaasaa fi itti fufiinsa eegumsa naannoo kan mirkaneessa ta’anii akka itti fufan hunduu qindaa’ee hojjechuu akka qabu  dhaamaniiru.

“Cehumsi caasaa diinagdee, babal’inni magaalaa fi baay’inni namaa dabaluu, akkaataan xuraa’aa gogaa fi dhaangala’aa itti qabamanii fi dhabamsiifaman boodatti hafaa ta’uusaaniitiin, teekinooloojii fi bu’uura  misooma kana baachuu danda’u hin qabnu“ jedhaniiru.

Naannicha keessatti dhaabbilee invastimantii misooma irratti argaman keessaa qonni misooma abaaboo, industiriiwwan gogaa,huccuu fi sibiilaa itti fayyadama lafaa fi haalli xuriiwwan gogaa fi dhangala’aa itti dhabamsiisan rakkoo akka qaban kan ibse abbaa taayitaa naannoo,bosonaa fi jijjiirama haala qilleensati.

Haala kanaan industiriiwwan gogaa, sibiilaa, “soodaa aashii” fi kanneen biroo qorannoodhaan adda ba’anii haala ofeeggannoo kennameefiin sirreessuu waan hin dandeenyeef cufamuusaanii abbaa taayitichaatti hoogganaan damee to’annoo naannoo obbo Sintaayyoo Bafiqaaduu beeksisaniiru.

Kaayyoon waltajjii marii komishinichi guyyaa sadiif qopheesse mootummaa fi abbootiin qabeenyaa qindoomanii karaa ummata hirmaachiseen itti gaafatummaa hawaasummaa fi naannawaa waliin ba’uuf kalattii kaa’uun hojiirra oolchuuf akka ta’e beekameera.