Labsiin komishinii araara nageenyaa hundeessuuf ba’e ragga’e

Finfinnee Mudde 16/2011 Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii komishinii araara nageenyaa biyyoolessaa  sagalee caalmaan raggaasiseera.

Manni maree bakka bu’oota ummataa bara hojii waggaa afraffaa walga’ii idilee 14ffaa har’a adeemsseen koreewwan dhaabbii quunnamtii alaa fi dhimmoota nageenyaa fi  koreewwan seeraa, haqaa fi dhimmoota demokiraasiitiin wixinee labsii komishinicha hundeessuuf qophaa’ee dhihaate irratti mari’atee ragaasiseera.

Itoophiyaatti nageenya itti fufiinsa qabuu  fi dimokiraasii wabii qabu mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetaman deeggaruuf ni dandeessisa kan jedhame komishiniin labsii lakkoofsa  1102/2011 mormii 1 fi kan sagalee hin kennine 1n ragga’eera.

Kana malees  dhimmoota walitti bu’iinsaa fi haaloof sababa ta’an qulqulleessuudhaan lammata akka hinmudanne kallattiiwwan furmaataa fufiinsaan hiikuuf dandeessisan namatti agarsiisa jedhameera.

Miseensonni mana maree tokko tokko “hawaasni wal lole bakka hin jirretti eenyuun walitti araarsuufi” yaada jedhu kasuudhaan hundeeffamni komishinicha barbaachisaa miti jechuun yaada isanii ibsaniiru.

“Uummanni osoo wal lolee illee jaarsummaa taa’eetu araara buusa”mjechuudhaan ” komishinii araara nageenyaa hundeessuun yoo barbaachise “komishinii araara nageenyaa dhaabbilee siyaasaa walitti dallananii” yoo jedhame wayya jedhaniiru.

Gama biraatin manni marichaa amma ammaatti daba hawaasa irra ga’aa jiru osoo arguu akka waan hin argineetti bira darbaa ture, kanaaf har’a dogoggora isaa kan kaleessaa hambisuuf carraa argateera kan jedhanis jiru.

Komishinichi garaa irraa akka walii dhiisan kan taasisu,walii altee kan buusu, dogoggoroonni  kaleessaa akka hin deebine kan ittisu, sirrii fi kan yeroo isaa eeggate waan ta’eef barbaachisaadha kan jedhanis jiru.

Wixinee labsii komishinichaa irratti jechi “qorannaa” jedhu aangoo hojii qorannaa idilee kan poolisiif seeraan kenname waan ta’eef jecha qulqulleessuu jedhuun jijjiiramuun isaa ibsameera.

Itoophiyaanonni sirna jaarsummaa fi walitti bu’iinsa ittiin hiikan durii kaasee qaban gargaruudhaan komishinichi sababoota walitti bu’iinsaa karaa saayinsaawaa ta’een qulqulleessudhaan yaada furmaataa kan dhiheessu ta’uunis ibsameera.

Itti waamamni komishinichaa muummee ministiraaf yoo ta’u,miseensonni isaa muummee ministiraan dhihaatanii bilisaa fi rakkoo addaa kamuu  keessaa akka hinjirre  ta’uun isaanii mana maree bakka bu’ootaatiin ada ba’ee kan raggaasifamu ta’a jedhaniiru.

Kana malees miseensonni komishinichaa saba kamiinuu maqaa badaan kan hinkaane, hawaasa biratti kanneen fudhatama qaban akka ta’us ibsameera.